Gaarreen Adwaa irraa kaasee hanga Gubaatti; Adwaa boonsaan gitaan yeroo kabajamu! - ENA Afaan Oromoo
Gaarreen Adwaa irraa kaasee hanga Gubaatti; Adwaa boonsaan gitaan yeroo kabajamu!
Injifannoon Adwaa injifannoo dirree waraanaa qofa osoo hin taanee, Itiyoophiyaan hiree ofii akka murteeffattu addunyaaf labsii kan labsite ture. Wareegama isaanii ulfina kaleessaa kabajaa jiraachuu qofa osoo hin taane, har’as ashaaraa keenya kaa’uun ta’uu qaba. Miira Adwaatiin qajeelfamnee egeree biyya keenyaa bocuu itti fufna.
Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi, ‘Adwaa lammataa’ keenya kan laga Abbayyaa irraa ka’u, kan ammaa injifannoon hoogganuudhaan kan darbe yaadachuu keenya ragaa yoomiyyuu hin haalamne dha.
Miira Adwaa kan Ida’amuun ijaareetiin yeroo qajeelfamnu wanti biyyi keenya galmaan gahuu hin dandeenye hin jiru.
Kaayyoo tokkoof hiriiruun, ida’amuun gara fuulduraatti yommuu imallu, dandeettiin Itiyoophiyaa dhaabu hin danda’u.
Guddaa turre; kana caalaas ni guddanna!