Adwaan mallattoo seenaa birmadummaa, kabajaa fi tokkummaa Afrikaati - Mahaammuud Alii Yusuuf - ENA Afaan Oromoo
Adwaan mallattoo seenaa birmadummaa, kabajaa fi tokkummaa Afrikaati - Mahaammuud Alii Yusuuf
Guraandhala 23/2018 (ENA): Adwaan mallattoo seenaa fi mul’ata birmadummaa, kabajaa fi tokkummaa Afrikaati jedhan dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammuud Alii Yuusuf.
Dura taa'aan Komishinichaa injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Dura taa’aan kun ergaa isaanii keessatti Adwaan mallattoo seenaa birmadummaa, kabajaa fi tokkummaa Afrikaa ta’uu ibsaniiru.
Adwaan injifannoo Afriikaanonni miira walabummaatiin hiree ofii murteessuu akka danda’an kan agarsiisedha jedhan.
Miirrii fi mallattoon seenaa Adwaa ammallee Ajandaa 2063 jalatti abjuu Afrikaa galmaan ga’uuf gahee adda duree taphachaa jiraachuu ibsaniiru.
Afriikaanonni qormaata mo’achuuf waliin dhaabbachuu akka qaban kan dubbatan yoo ta’u, tumsi humna ardii kanaa isa guddaa ta’uu hubachiisaniiru.
Gamtaan Afrikaa nagaa, tumsa naannoo fi badhaadhina waloo ardichaa galmaan ga’uuf cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru dura taa’aan kuni.