Gootummaa Misoomaan Injifannoowwan Adwaa bara kanaa galmeessaa jirra - Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Gootummaa Misoomaan Injifannoowwan Adwaa bara kanaa galmeessaa jirra - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Guraandhala 23/2018 (ENA): Injifannoowwan Adwaan bara haaraa badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessu misoomaa fi jaalala biyyaatiin galmeessaa jirra jedhan kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.
Ayyaanni injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan yaadannoo injifannoo Adwaatti taateewwan adda addaatiinii fi agarsiisa garagraan kabajamaa jira.
Ergaa Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen dabarsaniin, injifannoon Adwaa ummatoota gurraachotaa fi Afrikaanota addunyaatiif duungoo fi bilisummaa guddaa ta’uu ibsani.
Ayyaanni kun mata duree "Seenaa Boonsaa irraa, gara ifa abdii boruutti " jedhuun kabajamaa kan jiru yoo ta’u, seenaa boonsaa gootonni jalqabaa galmeessan misoomaa fi jaalala biyyaatiin irra deebi'uun waadaa galuu akka qabamu ibsaniiru.
Itiyoophiyaanonni garaagarummaa keessoo isaanii osoo hin ilaaliin dhimma biyyaalessaa irratti waliin dhaabbachuu akka qaban injifannoon Adwaa mirkaneessee jira jedhaniiru.
Gootummaa gootonni duraanii gaara Adwaatti dhiiga isaanii dhangalaasanii, lafee isaanii aarsaa godhanii Itiyoophiyaa hin jilbeeffanne dhalootaaf dabarsanii kennuun akka danda’amu taasiseera jedhan.
Dhaloonni yeroo amaa dantaa biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhaabbachuun seenaa injifannoo mataa ofii akka gootota Adwaatti barreessuu akka qabu dubbataniiru.
Kana gochuudhaanis duubatti hafummaa, hiyyummaa fi qoqqoodinsa misoomaa fi jaalala biyyaatiin dhabamsiisuun biyya fooyya’aa dhaloota dhufuuf dabarsuun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuun itti gaafatamummaa seenaa ta’uu ibsaniiru.
Piroojektoonni gurguddaan kanneen akka Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, milkaa’ina qonna Qamadii, Ashaaraa magariisaa irraa kaasee hanga hojii jijjiiramaa magaalaa guddoo keenya Finfinnee akkuma jirtutti bareedduu taasisuutti hunduu injifannoo keenya Adwaa bara haaraa keessatti argannee fi dhaloota dhufuuf hambaa ta’uu ibsaniiru.
Adwaan mana barumsaa jaalala biyyaa guddaa ta’uu kan himan kantiibaan kun, Itiyoophiyaa gara badhaadhina waaraatti walitti fiduuf imalli nuti fudhachaa jirru firii jijjiirama mul’ataa fi qabatamaa ta’een kan walqabate ta’uu ibsaniiru.
Bara keenyatti kaanee seenaa dachaa gurguddaa akka galmeessinu jechuun aadde Adaanech Abeebeen waamicha dhiheessaniiru.