Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa Mata duree “ Seenaa boonsaa irraa gara abdii ifa boruutti” jedhuun kabajamaa jira.

Guraandhala 23/2018(ENA): Ayyaanni Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa Mata duree “ Seenaa boonsaa irraa gara abdii ifa boruutti” jedhuun Yaadannoo Injifannoo Adwaatti sirna ho’aan kabajamaa jira.


 

Sirna kabajaa kanarratti Pirezidaantii FDRI Taayyee Astqasillaasee , Af- yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo , Af- yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aaganyoo Tashaagarii fi Pirezidaantii Mana Murtii Walii Galaa Federaalaa Tewoodiroos Mihirat argamaniiru.


 

Akkasumas, Itaamaajor shuumiin waliigalaa humna waraanaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, Itti Aanaa Itaamaajor shumii waliigalaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa,Ministira Ittisaa Injiinar Aayishaa Mahaammad, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee fi Itti aanaa dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa Ambaasaaddar Saalmaa Maliikaa Hadaadii fi Pirezidaantiin waldaa Gootota duraanii Lij Daani’eel Jootee sirnicharratti argamaniiru.


 

Dabalatiinis Ministirri Muummee Itiyoophiyaa duraanii Haayilamaariyaam Dassaalanyi, Pirezidaantii FDRI duraanii Saahilewarqi Zawudee , Pirezidaantii FDRI duraanii Doktar Mulaatuu Tashoomaa , hoggantoota mootummaa olaanoo, Gootota abbootii qabsooftota Itiyoophiyaa duraanii, Qondaltota waraanaa olaanoo raayyaa ittisa biyyaa, Ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa ,Attaasheewwan waraanaa fi keessummoonni Affeeraman irratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015