Tamsaasa Kallatti:

Pirezidaanti Taayyee Asqasillaaseen Siidaa Yaadannoo Mootii Minilik 2ffaa fi Yaadannoo Injifannoo Gootota Adwaatti Abaaboo kaa’ani

 

Guraandhala 23/2018(ENA): Pirezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaaseen injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa sababeeffachuun Siidaa Yaadannoo Mootii Minilik 2ffaa fi Yaadannoo Injifannoo Gootota Adwaatti Abaaboo kaa’ani.

Ayyaanni Injifannoo Adwaa 130ffaan mata duree “ Seenaa boonsaa irraa gara abdii ifa boruutti ” jedhuun sirna ho’aan kabajamaa jira.

Pirezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaaseenii fi hoggantoonni hojii olaanoon ayyaana Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa Sababaeeffachuun Siidaa Yaadannoo Mootii Minilik 2ffaa fi Siidaa Yaadannoo Gootota injifannoo Adwaa jala abaaboo kaa’aniiru.


 

Itiyoophiyaanonni Guraandhala 23 bara 1888 weerartoota biyya isaanii koleneeffachuuf dhufe gamtaa fi gootummaan mo’achuun injifannoon Adwaa galmeessan kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa kan eegsise, uummata gurracha hundaaf ibsaa birmadummaa kan ta’e injifannoo barabaraan yaadatamudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015