Tamsaasa Kallatti:

Faana gootota Adwaa  hordofuun  faayidaa biyyaa  eegsisuu qabna

Guraandhala 22/2018(ENA):- Injifannoo   Gootota  Adwaa hordofuun  faayidaa biyyaa eegsisuu fi guddinashee  itti fufsiisuu  qabna  jechuun  Dargaggoonni  Magaalaa Finfinnee  ibsan.

Dargaggoo  Yusuuf  Abarraa  ENA’f akka  ibsetti, akaakileen keenya  lola Adwaarratti wareegama kaffalanii biyya birmadummaanshee mirkanaa’e  nuutti dabarsaniiiru  kennaniiru.


 

Kanaaf dargaggoonni injifanicharraa barnoota hedduu fudhachuun  misooma biyyaa  kessatti Ashaaraasaanii kaa’uun  dafqa keenyaan  kabaja biyya keenyaa jabeessuun  nurraa eegama  jechuun  ibsaniiru.

Dargaggoo Maarqoos Asheetuu gamasaan dhaloonni amma jirru milkaa’ina yaannu gonfachuuf cichooma kaayyoo Injifannoo Adwaaarraa  barachuu qabna jedheera.

Biyyattiin Imala gara  badhaadhinaatti taasistu firii-qabeessa  akka ta’uuf  dargaggoonni  hojii uumtota, humna misoomaa ijoo fi  carraawwan gara  qabatamaatti kan jijiiran ta’uu akka  qaban hubachiisaniiru.

Abbootiin keenya waggaa 130n dura  haala mijataan kan hin turre  keessa darbanii biyyaa daangaanshee eegame nutti kennaniiru,  nuyimmoo damee ogummaa irrratti bobbaaneen hojii fooya’aa hojjechuun nurraa eegama jechuun dargaggoo Ahimad Alii  ibseera.


 

  Itti Gaafatamaan Federeeshinii Dargaggoota Itiyoophiyaa Muhiddin Naasir  gamasaaniin , Itiyoophiyaanoni Adwaa garaagarummaan   Sanyii , Amantii fi Saalaa  otoo isaan hin  daangessiin Itiyoophiyaanota kaayyoo tokkoof kan hiriirse   seenaa injifannoo guddaa ta’uu   ibsaniiru.


 

 Dargaggoonni  Bara kana Badhaadhina hunda galeessa biyyaaf tokkummaan dhaabbachuun, nagaa  fi misooma Itoophiyaatiif waloon  dhaabbachuun dirqama biyyuummaa keenya bahachuu qabna jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015