Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane,Uummata Afriikaa guutuuf Injifannoo Ifni Abdii itti mul’atedha - ENA Afaan Oromoo
Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane,Uummata Afriikaa guutuuf Injifannoo Ifni Abdii itti mul’atedha
Guraandhala 22/2018(ENA):-Injifannoon Adwaa Itoophiyaan humna koloneeffataa injifachuun bilisummuu Afriikaatiif abdii bilisummaa kan itti labsite taatee mudannoo seenaa ta’uusaa Daayirektarri Olaanaa Wiirtuu Nagaa Yuuneeskoo (UNESCO) Gaayi Jookan ibsan.
Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaanonni tokkummaan dhabbatanii birmadummaa biyyasaanii kan kabachiisanii fi bilisummaa uummata gurraacha hundaaf madda qabsoo (fakkeenya qabsoo) ta’an injifannoo guddaadha.
Guraandhala 23 bara 1888 Itiyoophiyaanonni kaayyoo waloo tokkoof hiriiruun Loltoota Xaaliyaanii biyyattii weeraruuf dhufan mo’achuun, injifannoo boonsaa hin dagatamne yeroo itti raawwatanidha.
Injifannoon seena-qabeessi kun waggaa waggaan haala ho’aan kan kabajamu yoo ta’u, bara kana Ayyaanni Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan mata duree “Seenaa boonsaa gara abdii ifaatti” jedhuun ni kabajama.
Daayirektarri Olaanaa Wiirtuu Nagaa Yuuneeskoo (UNESCO) Gaayi Jookan ENA’f akka ibsanitti; Itoophiyaan humna ishee koloneeffachuuf dhufe mo’achuun biyya addaa waan taateef, uummatni Afriikaa hundinuu beekuu fi itti boonuu kan qabu seenaa gootummaa galmeessiteetti.
Teessooon Gamtaa Afriikaa Finfinnee ta’uunsaa tasa osoo hin taane bu’aa Ashaaraa seenaa guddaa Itiyoophiyaan qabduun ta’uu Daarektarri kun hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan Injifannoo Adwaatiin olitti hundeeffama Gamtaa Afriikaa keessatti hirmaannaa ho’aa taasisteen yaada Paan- Afriikaanizimiif gabbisuuf biyya bu’uura guddaa keesse ta’uushee eeraniiru.
Afriikaan xiyyeeffannoo biyyoota guddatanii harkisaa dhufuushee kaasuun, Ardiin kun humna namaa fi qabeenya uumamaa bal’aa qabdu sirnaan fayyadamuun waltajjii Idil-Addunyaatti bakka isheef malu yeroon itti argattu amma akka ta’e ibsaniiru.
Itiyoophiyaan damee Misoomaan Afriikaaf fakkeenya ta’uun damee Diinagdeen Adwaa lammataa dabaluuf tattaaffiin taasistu Ardichaaf abdii guddaa ta’uu eeraniiru.