Kaawunsiliin Industirii Oomishaa biyyoolessaa Industiriiwwan Magaalaa Shaggar keessatti argamanitti daawwanna dirree taasisa jira - ENA Afaan Oromoo
Kaawunsiliin Industirii Oomishaa biyyoolessaa Industiriiwwan Magaalaa Shaggar keessatti argamanitti daawwanna dirree taasisa jira
Guraandhala22/2018(ENA):-Kaawunsiliin Industirii Oomishaa biyyoolessaa Industiriiwwan Magaalaa Shaggar keessatti argamanitti daawwanna dirree taasisa jira.
Daawwannaa dirree kanarratti gorsan Diinagdee gooroo Ministira Muumee fi walitti qabaan Kaawunsilichaa Ambaasaddar Girmaa Birruu, Ministira Industirii Malaakuu Allabal,Ministira Qonnaa Addisuu Araggaa, Pirezidaantii Baankii biyyoolessaa Itiyoophiyaa Abbee Saanoo ,Hogganaa hojiiraawwachiisaa koorporeeshinii Misooma paarkota Industirii Doktar Fisahaa Yittaaggasuu fi Hoggantoonni Dhaabbiilee Miseensa Kaawunsilichaa argamaniiru.
Daawwannaan dirree kuni Industiriiwwan Oomishaa haala qabatanmaa irra jiran daawwachuu fi rakkoowwan mudachaa jiraniif furmaata kennuuf kan kaayyeffate dha jedhaniiru.
Kaawunsiliin Industirii Oomishaa biyyoolessaa dorgomummaa damichaa guddisuuf, rakkoowwan humna omishaa fi hudhaawwan jiran adda baasuun, furmaata kennuuf kan dhabbatedha jedhaniiru.
Kawunsilichi ammaan dura Industiriiwwan omishaa bakkeewwan adda addaatti argaman haala sochii hojiisaanii daawwachuunsaa ni yaadatama.
Omishtoonni rakkoowwan Faayinaansiin, dhiheessii Aannisaan, bu’uuraalee misoomaan, galtee fi hojmaataan isaan mudatuuf deebii qabatamaa kennuun omishaa fi omishtumma guddisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.