Tamsaasa Kallatti:

Injifannoon Adwaa Nageenyaa waloo fi tumsa Loltummaa Afriikaanotaaf bu’uura gudaadha

Guraandhala 22/2018(ENA)-Injifannoon Adwaa Nageenyaa waloo fi tumsa Loltuumma Afriikaanotaaf bu’uura guddaa ta'uu Ministirri Ittisa biyyaa FDRI Injiinar Ayishaa Mahaammad ibsan.

Konfiraansiin Ministiroota Ittisaa Afriikaa 2ffaan mata duree “Seenaa boonsaa gara abdii ifaatti” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Ministiroonni Ittisaa Afriikaa, qondaaltonni waraanaa Olaanoo, Attaasheewwan waraanaa fi Qorattoonni, akkasumas hoggantoonni dhaabbilee Nageenyaa fi tasgabbii Konfiraansii kanarratti hirmaachaa jiru.


 

Ministirri Ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad wayita sana akka ibsanitti, Injifannoonn Adwaa qabsoo bilisummaa Afrikaanotaaf madda qabsoo (fakkeenya qabsoo ) ta’uurra darbee, tumsa kutaa Ardii har’aatiif ka’umsa ijoodha jedhaniiru.

Afriikaanonni Miira ni danda’amaa Adwaarratti argame qabachuun tumsa nageenyaa fi waraanaa Ardiisaanii caalaatti cimsuu qabu jedhaniiru.

Waltajjichi Ayyaana Injifannoo Adwaa 130ffaa boru Guraandhala 23 bara 2018 kabajamu kan gidduu galeeffate yoo ta’u, Injifannoon kun madda boonsaa ummata gurrachaa fi ka’umsa qabsoo bilisummaa ta’uu ibsaniru.

Tumsi gam-lamee fi Ardii, biyyoonni Afriikaa haala Siyaasaa fi Nageenya Addunyaa jijjiiramaa fi walxaxaa ta’e tilmaama keessa galchuun yeroo kamiyyu caalaa waliin dhaabbachuu qabu jedhaniiru.


 

Injifannichi bu’aa ummanni Itiyophiyaa garaagarummaa tokko malee waliin dhaabbachuun murannoo fi diddaa garbummaa galmeessisan ta’uusaa eeruun, tokkummaan kun har’as nageenyaa fi tas-gabbii Afriikaaf wabii ta’uu ibsaniiru.

Injifannoon Adwaa Ummattoota Afriikaa fi biyyoota Addunyaa biroo keessa jiran haqaaf, wal-qixxummaa fi bilisummaaf akka qabsaa'aniif karaa kan saaqe gootummaa seenaa ta'uu isaa ibsaniiru.

Biyyoonni kun qajeeltoo tumsaa fi faayyadamummaa waloorratti hundaa’uun dandeettii tumsa waloo akka ijaarratan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015