Tamsaasa Kallatti:

Paartiin Badhaadhinaa eenyummaansaa inni guddaan waadaa uummataaf gale qabataamaan  raawwachuun bu’aa galmeessissuudha -Itti Gaafatamaa Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Paartichaa  Obbo Mallasaa Alamuu

Guraandhala22/2018(ENA):- Paartiin Badhaadhinaa Eenyummaansaa inni guddaan waadaa uummataaf gale qabataamaan raawwachuun  bu’aa galmeessissuudha jechuun  Itti gaafatamaa   damee ijaarsa   Aadaa Dimokiraasii Paartichaa  Obbo Mallasaa Alamuu  ibsan.

Paartichi filannoo biyyoolessaa 7ffaarratti dammaqinaan hirmaachuuf   haalduree qophii  isa dandeessisu  hojjechaa jira.

Boqonnaawwan qophii kanneen keessaa tokko  mata duree “ Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti”  jedhuun  Maaniifeestoo  qophaa’e beeksiseera.

Itti gaafatamaa   damee ijaarsa   Aadaa Dimokiraasii Paartichaa  Obbo Mallasaa Alamuu turtii ENA waliin taasisaaniin akka ibsanitti, mata dureen Maaniifeestoon itti beeksifame  paartichi  olka’insa  hunda galeessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf ejjennoo cimaa qabu  kan agarsiisudha.

Kunis Itiyoophiyaan Dippiloomaasiin, misooma qabeenya namaanii fi  birmadummaa Diinagdeen gahee hoggansummaa qabdu caalaatti cimsuuf   kan kaayyeffatedha jedhaniiru.

Bu’uura Kanaan paartichi  milkaa’ina imala olka’insa  biyyattiif  yaadotaa fi Imaammattoota  karoorse Itiyoophiyaanotaaf  ifoomsuusaa addeessaniiru.

Eennyummaan paartichaa inni tokko hedduumminaa fi  hirmaachisummaa ta’uu  eeruun,  Maaniifeestoon kun   filattoota hunda bira  akka  gahuuf   Afaanota  adda addaan  akka  qophaa’u taasifamuu ibsaniiru.

  Obbo Mallas itti dabaluun,  paartichi Maaniifestoo bara kanaa yeroo beeksisu, filannoo yeroo darberraa eegalee milkaa’inoota galmeessiserraa ka’ee ta’uu  hubachiisaniiru.

Dhimmoota Hawaasummaa, Diinagdee fi  Siyaasaan  raawwachuuf Waadaa uummaataaf  gale galmaan ga’uu danda’uusaa eeraniiru.

Milkaa’inni kun  galmaa’uu kan danda’e  uummata waliin tumsaa fi wal-dhaggeeffachuun, akkasumas hordoffii hoggansaa cimaan hojjetamuusaatiin ta'uu   himaniiru.

 Paartichi filannoo walii galaa 6ffaa irratti  hojjiiwwan hojjechuuf karoorfatee fi  waadaa galee ture milkaa’inaan raawwachuusaa qorannoo dirree fi  gamaggamaan  mirkaneessuusaa  ibsaniiru.

    Filannoo walii galaa 7ffaa bara  kanaa  kaadhimamtoota paarticha bakka bu’uun dorgoman adda baasuu ulaagaa hammattummaa Itiyoophiyaa mul’isuun  raawwatamuusaa dubbataniiru.

Galmeen Kaadhimamtootaa Dijiitaalaan  taa’uunsa adda akka isa taasisu ibsuun,  Paartichi hojmaata Boordii filannoo hordofee  guutuu biyyattiitti kaadhimamtoota  galmeessisuu  ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015