Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan dhimma Ulaa Galaanaarratti haqa qabdu Addunyaa hubachiisuun  itti gaafatamuummaa keeenya ni baana

Guraandhala22/2018(ENA):- Gaaffiin abbummaa Ulagaa  Galaanaa  hanga deebii argatutti  haqa Itiyoophiyaa  Addunyaa hubachiisuun Itti gaafatamummaasaanii akka bahan  Hayyoonni Yuunvarsiitii Walaayittaa Sooddoo  dubbatan.

Ulaan galaanaa dhimma nageenyaa fi Birmadummaa biyyoolessaa  Itiyoophiyaa ta’uun olitti imala olka’insa biyyattii  dhugoomsuuf  gaaffii dhimma jiraachuu, yeroo murteessaatti ka’e ta’uu Hayyoonni kun ibsaniiru.

Yunvarsiitichatti Barsiisaa fi qorataan kutaa barnootaa Seenaa fi  bulchiinsa Hambaa  gargaaraa Pirofeesaraa  Asheetuu Tasfaayee turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, Itiyoophiyaan seenaa wagggoota dheeraaf Ulaa galaanaa  waliin walitti  hidhame  kan qabaachaa turtee  fi  abbaa dhaloota  qoroomina durii  ta’uushee ibsaniiru.

UlaaN Galaanaa bakka itti  daldala alaashee gaggeessitu  waan ta’eef ,Itiyoophiyaa qaama bishaaniirraa  gargara baasanii ilaaluun akka hin danda’amne ibsuun,  dogoggora seenaa keessatti Uumameen  Ulaa Galaanaarraa waggootaaf akka adda baatuu fi  dhiibbaan akka irratti uumamu  godheera.

Yeroo ammaa gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa akka haaraatti ka’aa jiru sirrii fi bu’uura seeraa kan qabu ta’uusaarra darbee dhimma  birmadummaa fi  faayidaa biyyoolessaa  kabachiisuu  waan ta’eef , hanga deebii sirrii  argatutti haqa Itiyoophiyaa Addunyaa hubachiisuun  dirqama ogummaasaanii akka bahatan mirkaneessaniiru.

Gaaffi abbummaa  Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa deebisuun   biyyoota ollaa fi  Riijiniiif  faayidaansaa guddaa ta’uu  garagaaraan Piroofeesaraa Asheetuun  hubachiisaniiru.

Biyyoota Rijinichaatti  tumsa diinagdee cimsuun, fayyadamummaa fi guddina waloorratti  qooda murteessaa akka taphatu  ibsaniiru.

  Yuunvarsiitii Walaayittaa Sooddootti Barsiisaa fi qorataan barnoota Nagaa fi Tasgabbiitti kutaa Barnoota  lammumaa fi Naamusaa    barsiisaa Wandimmuu Adee gama isaaniin, hanga  dhimmi Ulaa Galaanaa deebii sirrii argatutti, dhugaa biyyattiin qabdu beeksisuun dirqama koo nan ba'a  jedhaniiru.

Mitsiwwaanis  ta’ee Asab qabeenya Itiyoophiyaa akka turan seenaan hin haalu; kan jedhan Barsiisaa fi qorataan kun, haalli itti Itiyoophiyaan Ulaa Galaanaa dhabde kun Itiyoophiyaa waggaa 30 oliif  gattii guddaa ishee kaffalchiisa jira jedhaniiru.

Gaaffiin Ulaa Galaanaa  Itiyoophiyaan waan isheef malu  argachuu fi  fedhii guddinaaf  qabdurraa  kan ka’ee ta’uu akkasumas, yeroo sirriitti ka’uusa fi dhimma jiraachuu ta’uu  ibsaniiru.

 Faayidaa fi birmadummaa biyyaarratti, Itiyoophiyaanonni fi  dhalattoonni Itiyoophiyaa tokkummaasaanii cimsuun,dhugaa Itiyophiyaan qabdu  Addunyaatti beeksisuun  gaheesaanii akka  bahanis dhaamaniiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015