Giddugalichi kabaja, aadaa fi hambaa saboota gurraachaa eeguuf tattaaffii taasisuu jalqabe cimsee itti fufuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Giddugalichi kabaja, aadaa fi hambaa saboota gurraachaa eeguuf tattaaffii taasisuu jalqabe cimsee itti fufuu qaba
Guraandhala 21/2018 (ENA): Giddu-galli saboota Gurraacha Idil-addunyaa kabaja, aadaa fi hambaa saboota gurraachaa eeguuf tattaaffii taasisuu jalqabe cimsee itti fufuu akka qabu Pirezidaanti Taayyee Asqasillaaseen hubachiisani.
Giddugalli Gurraacha Idil Addunyaa walgahii mana maree waggaa isaa gaggeessaa jira.
Walgahii kana irratti Ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa, hoggantoonni mootummaa, hayyoonnii fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Pireezdaanti Taayyee Asqasillaaseen walgahii kana irratti argamuun akka himanitti, Itiyoophiyaan sochii Paan Afriikaanizimii dabalatee qabsoo ummata gurraacha keessatti gahee olaanaa taphachaa turte jedhani.
Injifannoon Adwaa qabsoo bilisummaa ummata gurraachaaf ka’umsa ta’e kanaaf akka fakkeenyaatti ka’a jedhaniiru.
Akkasumas, Giddu-galli Gurraacha Idil-addunyaa Itiyoophiyaa keessatti kan hundaa’e ta’uun isaa qabsoo mirga ummata gurraachaaf Itiyoophiyaan kutannoo qabaachuu isheef ragaa ta’uu ibsaniiru.
Giddugalichi kabaja, hambaa fi aadaa saboota gurraacha eeguuf tattaaffii taasisuu jalqabe akka itti fufu hubachiisaniiru.
Giddugalichi wiirtuu qorannoo fi maxxansaa hojii, sanyii Afrikaanotaa kan qabanii fi namoota dhiibbaa uumuu danda’an kanneen hidda gurraachota addunyaa guutuu irra jiran hojii isaanii barreessuu fi maxxansuun iddootti kunuunfamuu kan qabatu qabaachuu akka qabus eeraniiru.
Giddugalichi aadaa fi duudhaalee beekumsa adda addaa dhaloota ammaa fi gara fuula duraatti dabarsuuf ciminaan hojjechuu akka qabus hubachiisaniiru.
Mootummaan Itiyoophiyaa wiirtuu kanaaf kaayyoo hundeeffame galmaan ga’uuf deeggarsa barbaachisu akka taasisus mirkaneessaniiru.