Filannoon waliigalaa bara kanaa nagaa fi haqa qabeessa ta’ee akka xumuramuuf dubartoonni dammaqinaan hirmachuun irraa eegama - ENA Afaan Oromoo
Filannoon waliigalaa bara kanaa nagaa fi haqa qabeessa ta’ee akka xumuramuuf dubartoonni dammaqinaan hirmachuun irraa eegama
Guraandhala 21/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa 7ffaa nagaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf dubartoonni dammaqinaan hirmaachuun akka irraa eegamu Federeeshiniin Dubartoota Itiyoophiyaa beeksise.
Federeeshinichi filannoo waliigalaa 7ffaa irratti taajjabdoota bobbaasuuf naannoo Affaaritti sadarkaa kilaastaraatti leenjii leenjiftootaa kennaa jira.
Akka Daarektarri Olaanaa Federeeshinii Dubartoota Itiyoophiyaa leenjicha wayita eegalchiisan aadde Gannat Siyyum ibsanitti, Filannoon waliigalaa bara kanaa nagaa fi haqa qabeessa ta’ee akka xumuramuuf dubartoonni dammaqinaan hirmachuun irraa eegama jedhani.
Leenjiin leenjistootaa dubartoonni filachuufis ta’e filatamuuf akkasumas ilaalchaan hirmaannaa isaanii akka guddisan taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.
Federeeshinichi waggoota darbaniif filannoo irratti hirmaachuu fi hubannoo uumuun hirmaannaa fi fayyadamummaa hunda galeessa dubartootaa guddisuuf bal’inaan hojjechaa akka ture ibsaniiru.
Hubannoo filattotaa guddisuuf filannoo waliigalaa bara kanaa irratti filannoowwan adda addaa fayyadamuun kutaalee hawaasaa adda addaa dhaqqabuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Daarektarri Federeeshinii Dubartoota Naannoo Affaar aadde Faaxumaa Hanferee gama isaaniin, leenjiin leenjistootaa kennamaa jiru filannoon itti aanu nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf kan gargaaru ta’uu dubbatani.