Tamsaasa Kallatti:

Milkaa’inni Injifannoo Adwaa fi Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, injifannoo boonsaa bara olka’insa Afrikaanotaati- Hayyoota seenaa

Guraandhala 21/2018 (ENA): Milkaa’inni Injifannoo Adwaa fi Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, injifannoo boonsaa bara olka’insa Afrikaanotaa ta’uu hayyoonni seenaa ibsani.

Injifannoon Adwaa barreessitoonni seenaa barreessanii kan hin fixne,akaakilee fi abaabileen lafee isaanii fi dhiiga isaaniin birmadummaa Itiyoophiyaaf aarsaa kan kaffalan injifannoo boonsaa saba gurraacha addunyaa fi Afrikaaf bara olka’insaati.

Gootonni Adwaa humna faashistii weerartuu Xaaliyaanii irratti tokkummaa fi kabaja Itiyoophiyaaf qabsaa’an dhaloota ammaa kanaaf mallattoo bilisummaa fi jaalala biyyaa ta’eera.

Dhaloonni ammaa kun hamilee fi cimina abbootii isaa dhaalee, badhaadhina waliigalaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tattaaffii misoomaa taasisaa jiru keessatti gama hundaan bu’aa dinqisiisaa galmeessisuun isaa ni yaadatama.

Milkaa’inni Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa Adwaa yeroo ammaa kan lammataa ta’ee fudhatamee, birmadummaa diinagdeetiif bu’uura kan kaa’ee fi mirga Afrikaanonni qabeenya uumamaa of danda’anii akka itti fayyadaman kan mirkaneessedha.

Milkaa’inni lammiileen Itiyoophiyaa Hidha Haaromsaa keessatti galmeessisan mul’ata jaalala biyyaa misoomaa kan gootota Adwaa yaadachiisu yoo ta’u, biyyittiin naannoo hiyyummaadhaan miidhame irraa gara naannoo badhaadhinaatti ce’uu ishee kan agarsiisu ta’uu ibsameera.


 

Itti Aantuun Hojii Gaggeessaa Olaanaa Waajjira Qindeessaa Piroojektii Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa Fiqirtee Taamir akka ibsanitti, Injifannoon Adwaa ummata Itiyoophiyaaf ibsaa bilisummaati jedhani.

Bara sanatti akaakileenii fi abaabileen keenya gaarreen Adwaa irratti akka seenaa galmeessan, dhaloonni ammaa immoo Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa gaarreen Gubaa dhugoomsuun seenaa hojjataniiru jedhan.

Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa fakkeenya tokkummaa fi mallattoo waloo lammiileen biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan galmaan gahanidha jedhani.


 

Akka hayyuun seenaa fi qorataan beekamaan Piroofeesar Ahmad Zakkaariyaa jedhanitti injifannoon Adwaa seenaa bilisummaa Itiyoophiyaa keessatti bakka guddaa qaba.

Tokkummaan yoo hojjetan waan hin danda’amu jedhamu milkeessuun kan itti mirkaa’e dha jedhani.

Akkasumas Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa piroojektii misooma ardii kan ta’ee fi kaayyoo Afriikaan Ajandaa 2063 keessatti kaa’e galmaan ga’uuf birmadummaa diinagdee mirkaneessuuf gumaacha kan taasisu ta’uu ibsaniiru.


 

Hayyuun seenaa fi qorataan Itiyoo-Arab Piroofeesar Adam Kamil gama isaaniin, Hidhi Haaromsaa milkaa’ina misoomaa, Injifannoo Adwaa lammaffaa dhaloota kanaaf abdii fide ta’uu ibsaniiru. Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa fi Adwaan injifannoo ardiilee misoomaa fi gootummaa walitti fidu ta’uu eeruun, akkasumas Hidhi Haaromsaa injifannoo misoomaa birmadummaa dinagdee gonfachiisuu dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015