Finfinneetti hojiileen hawaasa fayyadamoo taasisan cimanii itti fufu- Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Finfinneetti hojiileen hawaasa fayyadamoo taasisan cimanii itti fufu- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Guraandhala 21/2018(ENA)- Finfinneetti hojiileen hawaasa fayyadamoo taasisan cimanii itti fufu jedhani Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee,Leenjitoota Giddu Gala Leenjiifi Gabbisa Ogummaa Dubartootaa ‘Lenagewaa’ ogummaa garaagaraan leenji'an marsaa 4ffaaf eebbisaniiru.
Dubartootni har'a marsaa 4ffaaf eebbifaman kunneen, leenjii gosa garaagaraa jechuunis, Huccuu Hodhuu, Nyaata Qopheessuu, Kunuunsa Daa'immanii akkasumas Elektirika Diriirsuu, Kunuunsaa fi Horsiisa Lukkuu dabalatee gosoota 17'n leenji'aa turaniiru.
Sagantaa kanarratti miseensonni bulchiinsa magaalichaa fi keessummoonni affeeramanii argamaniiru.
Kantiibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebee akka ibsanitti, Finfinneen jiraattota isheef mijataa, hawaasummaan haqa qabeessa, daawwattootaaf hawwataa akka taatuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa turaniiru jedhani.
Bu’uurri hojii hundaa hojii misoomaa namoota irratti xiyyeeffate ta’uu eeranii, magaalattii jijjiiruun fedhii jiraattotaa guutuu fi fayyadamummaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuu kan danda’u yommuu ta’u hiika kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Giddugalichi dubartoota rakkoo hawaasummaaf saaxilamanii fi sababoota adda addaatiin carraa dhaban gargaaruu isaa eeruun, wiirtuun kun dubartootaaf ifa abdii haaraa ta’uuf kan akeeke ta’uu ibsaniiru.
Dubartoonni leenjii fudhatan abdii dhabanii mul’ata jijjiiramaa horachuun of bira darbanii namoota biroof carraa hojii uumuu danda’aniiru jedhan.
Leenjifamtoonni har’a eebbifaman hundi carraa hojii argachuu isaanii fi haadholiin marsaa itti aanu irraa kaasee ijoollee isaanii waliin gara giddugalichaa akka dhufaniif haalli fooyya’uu ibsaniiru.
Giddugalichi baajata bulchiinsa magaalichaa irratti hirkataa osoo hin taane of danda’ee hojii galii argamsiisu gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Gama isaaniitiin Daarektarri Olaanaa Giddugala Haaromsaa fi Misooma Dandeettii Dubartoota Lenegewaa kan ta’an Dr. Hirphasaa Caalaa akka himanitti, Giddugalichi hojii ummata irratti xiyyeeffate bulchiinsi magaalichaan hojjatamaa jiru agarsiisa jedhani.
Giddugalichi dubartoonni deeggarsa hawaasummaa, diinagdee fi xiinsammuu barbaadan leenjisuudhaan hojiitti akka galan taasiseera; dubartoonni marsaa 4ffaa leenjii fudhatan 909 eebbaafamaniiru jedhani.
Akkasumas leenjifamtoonni leenjii ti’oorii fi ogummaa xumuruun madaallii gahumsa ogummaa fudhachuun qabxii dhibbeentaa 97.5 ol argachuun darbuu isaanii ibsaniiru.
Giddugalichi hanga ammaatti marsaa sadan dabalatee dubartoota kuma 2 fi 401 leenjisuusaa fi leenjifamtoonni leenjii haaromsaa fi ogummaa akka fudhatan ibsaniiru.
Giddugalichi leenjii dubartoota deeggarsa hawaasummaa, dinagdee fi xiinsammuu barbaadaniif kennamu babal’isuuf michoota waliin hojjechaa akka jiru eeruun, akkasumas hojiiwwan galii keessoo isaa guddisan hojiirra oolchaa akka jiru hubachiisaniiru.