Magaalaa Finfinneetti xiyyeeffannoon omishtummaa industirii omishaa irratti taasifame bu’aa dinqisiisaa argamsiiseera - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Finfinneetti xiyyeeffannoon omishtummaa industirii omishaa irratti taasifame bu’aa dinqisiisaa argamsiiseera
Guraandhala 21/2018 (ENA): Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee fi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii obbo Jaanxiraar Abbay akka ibsanitti, xiyyeeffannaan oomishtummaa industirii omishaa Magaalaa Finfinneetti kenname bu’aa dinqisiisaa argamsiiseera jedhani.
Biiroon Misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Giddugala Walgahii Idil Addunyaa Addis konveenshinii torbee Itiyoophiyaan haa oomishtuu Eksipoo gaggeeffamaa ture xumura isaa irratti sagantaa beekamtii fi galateeffannaa gaggeesseera.
Sagantaa mata duree “Itiyoophiyaan haa oomishtu; Finfinneen haa badhaatu’’jedhuun kan gaggeeffame yoo ta’u, dhaabbilee fi indaastiriiwwan omishaa sagantichaaf gumaachan hirmaataniiru.
Kanuma waliin, Sochiin Oomishtummaa Itiyoophiyaa bu’a qabeessummaa indaastiriiwwan omishaa magaalattii keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhan obbo Jaanxiraar Abbay.
Sochiin kun dameen industirii rakkoolee mudataniif furmaata hatattamaa kennuudhaan guddina omishaa itti fufiinsa qabu akka argatu taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessattuu hanqina dhiyeessii galtee furuu, walitti hidhamiinsa gabaa cimsuu, mala damichaaf haala mijataa uumuun bu’aa abdachiisaa ta’e galmaan ga’uu ibsaniiru.
Magaalaan Finfinnee haala kanaan industiriiwwan omishaa oomishtummaa isaanii guddisuun oomishtummaa sadarkaa olaanaa akka argatan dandeessisaa jiraachuu ibsaniiru.
Oomishtummaa industirii daran guddisuuf hojiilee deeggarsaafi hordoffii cimsuuf tattaaffiin dabalataa akka hojjetamus eeraniiru.
Dameen maanufaakchariingii dhimmoota omishtoonni kaasan furuuf haaromsa imaammataa taasisuu fi qophii ta’uu eeruu, galmaan ga’uuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Xumura irratti sagantichi oomishtootaa fi michoota ga’umsa gaarii agarsiisaniif beekamtii fi badhaasa kenneera; hoggantoonni olaanoo Magaalaa Finfinnee saganticha irratti argamaniiru.
Finfinnee keessatti indusstiriiwwan xixiqqaa fi gurguddoon kuma 3 fi 900 akka jiran kan ibsame yoo ta’u, industiriiwwan omishaa oomishaalee bakka bu’ummaa oomishanii fi baasii sharafa alaa qusachuudhaan guddina biyyattii saffisiisaa akka jiran ibsameera.
Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital