Tamsaasa Kallatti:

Labsiin Bulchiinsaa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraan 1383/2017 “gosoota pilaastikaa hunda” guutummaatti dhorkaa?

Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraa 1383/2017 kan faalama pilaastikaa hir’isuu fi nageenya naannoo mirkaneessuuf kaayyeffate hojiirra oolchuun isaa ni beekama.

Haa ta'u maleeerga labsiin kun bahee hordofuun filannoowwan miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoon dogoggoraa bal'inaan tamsa'aa jira. Kanaaf odeeffannoon dogoggorsiisaan ijoon miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan tamsa’aa jiru adda baafamee jira; akkasumas odeeffannoon labsii, ibsa hoggantootaa fi ibsa qaama dhimmi ilaallatu wajjin wal bira qabuun mirkanaa’eera.

Odeeffannoo dogoggoraa: "Pilaastikiin kamiyyuu yeroo tokko qofaaf tajaajila kennan, akka hin oomishamne; akka biyya hin seenne akkasumasa akka hin gurguramne guutummaan guutuutti dhokameera.’’

Dhugaansaa:

Labsichi pilaastika yeroo tokkotti fayyadan hunda hin dhorkine. Akka labsichaatti "boorsaa pilaastikii haphii (feestaala)" yeroo tokkotti fayyadamuu qofatu guutummaatti dhorkaadha. Akkuma Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo Lakk.1383/2017 ifatti ibsutti; "Qajeelfama oomisha, galtee ykn itti fayyadama pilaastikaa yeroo tokkotti fayyadamu baasuu danda'a." Kana jechuun pilaastikoonni akka barbaachisummaa isaatti hayyamaman jiru jechuudha.

Dhimma kana ilaalchisee Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo fuula miidiyaa hawaasaa ofiisaa irratti ibsa kenneen, meeshaaleen akka hin faalamne ykn wantoota biroo waliin akka hin makamneef qadaada pilaastikaa akka fayyadamu; akkasumas pilaastika nyaataaf, baaltinnaaf, tajaajila uffata miiccaa(laawundariif) fi oomishaalee biroo saamsuuf kan oolu labsii kanaan akka hayyamamu mirkaneesseera.

Haalli qabinsaa fi gatinsa pilaastikoota kanaa qajeelfama gara fuula duraatiin kan bulfamu ta’a. Kana malees, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dr. Leellisee Namee ibsa ENA’f kennaniin, Labsichi oomishaalee pilaastikaa guutummaatti akka hin dhorkine ifatti ibsaaniiru.

Odeeffannoo dogoggoraa: "Labsii kana raawwachuu fi raawwachiisuuf itti gaafatamummaa kan qabu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo qofa."

Dhugaa: Labsii kana raawwachiisuuf itti gaafatamummaa dhumaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi waajjiraalee eegumsa naannoo naannichaaf kennamee dhugaa ta’ee osoo jiruu, hojiin raawwachiisummaa garuu abbaa taayiticha qofaan kan hojjetamu miti. Seerri kun lafarratti yeroo hojiirra oolu poolisii fi qaamoleen seera kabachiisan kanneen seeraan ala boorsaa pilaastikaa oomishanii, galchanii fi itti fayyadaman irratti hordofanii tarkaanfii raawwachiisummaa kan fudhatan ta’uu Daarektarri Olaantuun kuni ibsaniiru.

Kanaaf ummannii fi hawaasni daldalaa hojii raawwachiisummaas qaamolee nageenyaa fi seera kabachiisaniin kan raawwatamu ta’uu hubachuu qabu.

Ummanni odeeffannoo hin mirkanoofnee fi dogoggorsiisaa miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’u fudhachuu irraa akka of qusatuu fi qajeelfama itti fayyadama pilaastikaa kallattiin fuula abbaa taayitichaa irraa fi maddoota amanamoo irraa qofa akka argatu gorsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015