Tamsaasa Kallatti:

Injifannoon Adwaa imala Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiftuuf jalqabdeef bu’uura kaa’a - Bulchaa Ashaadilii Hasan

Guraandhala 21/2018 (ENA): Injifannoon Adwaa imala Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti taasisuu talqabdeef bu’uura kaa’a jedhan bulchaan mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan.

Ayyaanni injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan magaalaa Asoosaatti marii paanaalii fi qophiilee aartii adda addaatiin kabajameera.


 

Wayita sana obbo Ashaadilii Hasan akka himanitti, injifannoon Adwaa barbaachsummaa humna waloo mirkaneessuu qofa osoo hin taane, yeroo uummanni Itiyoophiyaa koloneeffattoota hidhannoo tokkummaan itti injifatani dha jedhani.

Injifannoon kun yaadama ida’amuun badhaadhina hunda galeessa Itiyoophiyaan eegalteef bu’uura kan kaa’uu fi tokkummaa biyyoolessaa Itiyoophiyaaf fakkeennya gaarii kan ta’u dha jedhani.

Pirojektoonni biyyoolessaa Itiyoophiyaanonni walta’iinsaan galmaan ga’an agarsiisa Adwaa lammaffaa ta’uu eeruun, olka’insa Itiyoophiyaan sadarkaa addunyaatti qabdu agarsiisuuf hundi keenya waliin hojjechuu qabna jedhan.

Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaanota qofaaf osoo hin taane ummata gurraacha hundaafis injifannoo akka ta’e, sochii bilisummaa biyyoota biroo cunqursaa jala turaniif gumaacha guddaa akka ta’es yaadachiisaniiru.

Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, dhaabbileen nageenyaafi kutaaleen hawaasaa adda addaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015