Injifannoon Adwaa Kabajaa fi Birmadummaa biyyaa eegsisuurra darbee Afrikaanota kolonii jala turan bilisummaaf akka qabsaa’an kaka’umsa uumeera - ENA Afaan Oromoo
Injifannoon Adwaa Kabajaa fi Birmadummaa biyyaa eegsisuurra darbee Afrikaanota kolonii jala turan bilisummaaf akka qabsaa’an kaka’umsa uumeera
Guraandhala 20/2018(ENA): Injifannoon Adwaa Kabajaa fi Birmadummaa biyyaa eegsisuurra darbee Afrikaanota kolonii jala turan bilisummaaf akka qabsaa’aniif kaka’umsa uumuusaa Yuunivarsiitii Asoosaatti Barsiisaan Seenaa Doktar Abbabaa Aannoo dubbataniiru.
Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaarra darbee,uummatoota gurraacha hundaa biratti Ifni bilisummaa akka calaqqisu kan taasisee fi mallattoo injifannoo ta’uun tokkummaa uummatoota gurraachaa kan agarsiisedha.
Yuunivarsiitii Asoosaatti Barsiisaan Seenaa Doktar Abbabaa Aannoo akka dubbatanitti, Injifannoon Adwaa Itiyoophiyanonni jaalala biyyaaf qaban qabatamaan kan mirkaneessanii fi injifannoo seenaa boonsaan itti raawwate jedhani dha.
Ijnifannichi Itiyoophiyaarra darbee biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uun yaadamni Paan-Afrikaanizimii akka idilaa’uu fi tokkummaan dhaabbata Afrikaa akka hunda’uuf taasisuun qooda guddaa akka qabu dubbataniiru.
Injifannoon Adwaa kabaja fi birmadummaa biyyaa eegsisuurra darbee Afrikaanota hacuuccaa jala turan bilisummaaf akka qabsaa’aniif kaka’umsa uumuu fi fudhatamummaa Itiyoophiyaan sadarkaa Idil-Addunyaatti qabdu kan guddisedha jedhaniiru.
Injifannoon Adwaa dirree waraanaa bira darbee dhaloota ammaaf seenaa barsiisaa hedduu kan qabate dha kan jedhan doktar Abbabaan , dhaloonni ammaa barnoota injifannoo Adwaarraa argatanitti fayyadamuun tokkummaa biyyya keenyaaf waloon dhaabbachuu akka qabnu kan agarsiise dha jedhaniiru.