Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa birmadummaa diinagdee kabachiisuuf ajandaa waloo hin jijjiiramnedha - Hayyoota diinagdee

Guraandhala 20/2018 (ENA): Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa birmadummaa diinagdee kabachiisuuf ajandaa waloo hin jijjiiramne ta’uu hayyoonni diinagdee himani.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kan mataashee ture gaafachuun gaaffii seera qabeessa ta’e; kan seerri idil addunyaa deeggaru dha jedhani hayyoonni kunniin. Ulaa galaanaa kana argachuun biyya birmadummaan ishee eegamee fi nageenyummaan ishee mirkanaa’e taasisuuf shoora olaanaa qaba jedhan hayyoonni kunniin.

Gaaffiin ulaa galaanaa kuni fayyadamummaa waloo irratti kan hundaa’e ta’uus hubachiisaniiru. Biyyi keenya dorgomtummaa idil addunyaa akka qabaattuuf shoora olaanaa qaba jedhani.

Hayyoonni turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa mataashee kan qabdu turte shira irratti dalagameen dhabuunshee dinagdee biyyaarratti dhiibbaa olaanaa fideera jedhani.


 

Hayyuu diinagdee kan ta’an Darajjee Dajanee akka ibsanitti, guddinni diinagdee saffisaa Itiyoophiyaan galmeessaa jirtu dorgomtummaa daldala addunyaa ishee guddisaa jira jedhani.

Itiyoophiyaan biyyoota addunyaa saffisaan guddachaa jiran keessaa tokko taatus, buufata galaanaa nageenyummaan isaa amansiisaa ta’e dhabuun dinagdee ol’aanaa isheen maddisiistu jalaa baasii hin malleef ishee saaxilaa jiraachuu hubachiisani.

Sababa kanaafis buufata galaanaa nageenyummaan isaa amansiisaa ta'ee fi tajaajila buufata doonii filannoo guddina dinagdee Itiyoophiyaa saffisaa fi sochii daldalaa gurguddaadhaaf mijatu argachuun qananii osoo hin taane dirqama ta’uu ibsaniiru.


 

Hayyuu diinagdee kan biraa doktar Jamaal Mahaammad akka ibsanitti, Itiyoophiyaan biyya guddina dinagdee dinqisiisaa irratti argamtudha jedhani.

Haa ta'u malee, buufanni galaanaa nageenya qabu dhabamuu isaatiin dorgommii idil-addunyaa yaa’insa daldalaa guddaa biyyattii fi nageenya lammiilee ishee irratti kallattiin dhiibbaa geessisaa jira jedhani.

Akka ogeeyyiin diinagdee kunneen jedhanitti, abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaa guddina ariifataa biyyattiin qabduu fi sochii daldalaa gurguddaa ilaalcha keessa galchuun dhimma lubbuun jiraachuudha.

Abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa waloo walitti dhufeenya diinagdee naannolee cimsuun guddina waloo mijeessuu kan danda’u ta’uus ibsaniiru.

Hayyoonni kunneen akka jedhanitti, Itiyoophiyaan ummata miliyoona 130tti dhiyaatu qabdu buufata galaanaa nageenya qabu qabaachuu qabdi; akkasumas lammiileen faayidaa biyyoolessaa biyya isaanii eeguuf waliin hojjechuu qabu.

Abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa waloo kan hin raafamnee fi dhimma lubbuun jiraachuu birmadummaa diinagdee tiksuuf ta'uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015