Magaalaa Naqamteetti piroojektoonni misoomaa birrii biiliyoona 1.5’n ijaaramaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Naqamteetti piroojektoonni misoomaa birrii biiliyoona 1.5’n ijaaramaa jiru
Guraandhala 20/2018(ENA): Naannoo Oromiyaa Magaalaa Naqamteetti piroojektoonni misoomaa gaaffii misoomaa uummata deebisuu danda’an birrii biliyoona 1.5 oliin hojjetamaa jiraachuu Bulchiinsi Magaalichaa beeeksiseera.
Itti Aanaan Kantiibaa Magaalaa Naqamtee Tamasgeen Mirreessaa ENA’f akka ibsanitti, bara baajatichaatti ijaarsi piroojektoota misoomaa haarawaa 16 hojjetamaa jira.
Pirojektoota kana keessaa Misooma koriidaraa, gamoo Gidduugala Tajaajila Wiirtuu Tokkoo( Masoob),tuubboo dabarsa bo’oo lolaa keessa keessaa qotuu fi hojiin suphaa keessatti argamu jedhaniiru.
Akkasumas carraa hojii uumuuf kan gargaaran Sheediwwan horsiisa lukkuu, Gaandaawwan misooma qurxummii fi hojiiwwan misoomaa biroo ta’uusaanii hubachiisaniiru.
Keessumaa Ijaarsi gamoo tajaajila wiirtuu tokkoo (Masoob) xumuramuun tajaajila yeroo eegalu komiiwwan rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Hojii misooma koriidaraan daandiin Aspaaltii kiloomeetira 8 ol ijaaramuu, ijaarsa muuziyeemii Wallaggaa, daandii lafoo,daandii bishkiliitii (Saayikilii), bakkeewwan ijoolleen itti taphatanii fi ijaarsi manneen daldalaa akka hojjetaman hubachiisaniiru.
Ijaarsa Pirojektoota misoomaan dargaggonni magaalichaa hedduun hirmaattotaa fi fayyadamtoota ta’uusaanii dubbataniiru.