Magaalaa Shaggaritti rakkoo kenniinsa tajaajila fayyaa furuuf hojii hojjetameen bu’aan qabatamaa argameera – Wajjira Fayyaa Magaalichaa - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Shaggaritti rakkoo kenniinsa tajaajila fayyaa furuuf hojii hojjetameen bu’aan qabatamaa argameera – Wajjira Fayyaa Magaalichaa
Guraandhala 20/2018 (ENA): Magaalaan Shaggar rakkoolee gama kenniinsa tajaajila fayyaan jiran qoratee adda baasuun itti quufinsa hawaasaa mirkaneessuun hojii hojjetameen bu'aan qabatamaan argamuu Waajjirri Fayyaa Magaalichaa beeksiseera.
Hogganaa Waajjira Fayyaa Magaalaa Shaggar obbo Abarraa Botoree ENA Afaan Oromootti akka himanitti, Magaalli Shaggar duraan gama kenniinsa tajaajila fayyaan rakkoolee hedduu kan qabdu akka ta’e eeruun wayita ammaatti haalli jiru fooyya’insa gaarii ta’uu dubbataniiru.
Rakkooleen gama Tajaajila Fayyaan turan uwwisni tajaajila fayyaa xiqqaachuu, hir’ina qulqullina tajaajila fayyaa, facaatii dhaabbilee fayyaa, sirna faayinaansii tajaajila fayyaa fi teekinooloojiin deeggaramuu dhabuu, kenna tajaajila fayyaa rakkoolee gurguddaa shanan gama kanaan qorannoon adda ba’an ta’uu himaniiru.
Wayita Magaalichi hundaa’u baay’inni Buufata Fayyaa 24 qofa kan turan ta’uu ibsanii, yeroo ammaa Buufata Fayyaa 35tti ol guddisuun danda’ameera jedhan.
Dhibeewwan daddarboo fi daddarboo hin taane ittisaa fi to’annoo cimsuuf Keellaawwan Fayyaa baay’inaan 46 qofa kan turan, yeroo amma gara 85tti ol guddisuun kan danda’ame ta’uu himaniiru.
Naannoo Industiriin baay’atutti waggootaaf warshaalee 10 qofti Kilinika Fayyaa kan qaban ta’uu kan dubbatan hoganaan kun, yeroo ammaa warshaaleen 62 Kilinika mataa isaanii hundeessuun tajaajilaa kennaa kan jiraan ta’uu himaniiru.
Kenniinsa tajaajila fayyaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon ogeeyyii fayyaaf, dhiyeessii qorichaa fi dijitaalazeeshiniifis kennamuu dubbataniiru.
Hojii gaggeessaa olaanaa Buufata Fayyaa Tulluu Diimtuu kan ta’an obbo Baqqalaa Xoxxoowu akka himanitti,meeshalee waldhaansaa guutuudhan, keessattuu haadholiin duraan hospitalaa biraatti deddeebi’aa turaan yeroo ammaa yaalii gahaa dhiyootti argachuudhan qisaasama baasii hin mallee irraa bilisa ta’aniiru jedhani.
Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee Bufaata Fayyaa Tulluu Diimtuutti waldhaansa argachaa kan jiran obbo Fiqaaduu Waaqgaarii akka himanitti, yaala to’annoo dhibee sukkaaraa haala gaariin hordoffii argaachaa jiraachuu himaaniiru.
Aadde Itiyoophiyaa Gogolaan gama isaaniin akka himanitti,duuran tajaajilaa gahaa dhabanii rakkoo keessa kan turan ta’uu eeruun,yeroo amma tajaajilaa gahaa aragataniin gammachuu qabaachuu dubbataniiru.