Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Azarbaajaan dameelee adda addaarratti walii galteewwan waliin hojjechuuf isaan dandeessisu mallatteessan

Guraandhala 20/2018(ENA): Itiyoophiyaa fi Azarbaajaan dameelee adda addaarratti walii galteewwan waliin hojjechuuf isaan dandeessisu mallatteessaniiru.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Azarbaajaan Iilhaam Aliiyeev waliin mari’ataniiru.

Marii Masaraa mootummaa pirezidaantii Azarbaajaan magaalaa Baakuu Zaagulbaatti taassifameen booda, hoggantoonni lameen gama Raayyaa Ittisaa fi dameewwan hedduun waliin hojjechuuf sanada walii galtee walii mallatteessuu isaanii Waajjirri Ministeera Muummee beeksiseera.


 

Sanadoota walii galtee mallataa’an keessaa yaa’ii haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa (Cop 32) qopheessuu, Qonnaan, Misooma miidiyaa fi muuxannoo wal-jijjiiruu, babal’ina Investimantii fi tumsa qabsoo farra malaammaltummaarratti kan xiyyeeffatan ta’uun ibsameera.


 

Gama biroon Azarbaajaan dhaabbata damee tajaajilaa Ammayyeessuu adda durummaan gaggeessuu “Aasaan” (ASAN) fi tajaajila Masoob- Itiyoophiyaa gidduutti waloon hojjechuuf walii galteerra ga’ameera.


 

Walii galteewwanii fi sanadoonni walii galtee mallatteeffaman kunneen dameewwan ijoo biyyoota lameen gidduu jiran irratti caalaatti ni jabeessu jedhamee akka eegamu waajjirichi hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015