Filannoon Waliigalaa 7ffaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasiif boqonnaa haaraa kan banudha - ENA Afaan Oromoo
Filannoon Waliigalaa 7ffaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasiif boqonnaa haaraa kan banudha
Guraandhala 20/2018(ENA):Filannoon Waliigalaa 7ffaan Sirna Dimokiraasii fi ijaarsa mootummaa cimaaf boqonnaa murteessaa kan banu ta’uu Paartiileen Siyaasaa adda addaa ENA waliin turtii taasisan ibsan.
Hoggantoonni paartiilee Paartii Lammiileen Itiyoophiyaa Walqixxummaa Siyaasatiif (EZEMA), Paartii Dimokiraasii Hibir Itiyoophiyaa fi Paartiin Sochii Biyyaalessaa Amaaraa(ABN) filannichi nagaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf hirmaanaa qaama hundaa akka gaafatu dubbataniiru.
Itti Aanaa Hogganaa Paartii Lammiilee Itiyoophiyaa haqa hawaasummaaf Arkiteektara Yohaannis Mokonnon akka jedhanitti, sirna ijaarsa dimokiraasiif, adeemsi milkaa’ina filannoo murteessaadha.
Adeemsa filannoo keessatti gaheen uummata filatuu, paartii biyya bulchuu, paartiilee morkattootaa, dhaabbilee Siivikii , Boordii filannoo fi qaamoleen qooda fudhattootaa biroo qooda dhuunfaa fi gareen irraa eegamu guddaa ta’uu ibsaniiru.
Kaayyoon keenyi inni guddaan ijaarsa sirna dimokiaasi ta’uu qaba kan jedhan Arkiteekiti Yohaannis tokkoon tokkoo qaamolee qooda fudhattootaa fi lammiileen seera kabajuun qooda biyyoolessaasaa akka bahu waamicha dhiheessaniiru.
Itti Aanaan Paartii Dimokiraasii Hibir Itiyoophiyaa Abarraa Zallaqaa gamasaanin filannoon bara kanaa Siyaasa Itiyoophiyaa tasgabbaa’ee fi imala dimokiraasii bu’uura cimaarra kan keenyudha jedhaniiru.
Filannicharratti yaada mo’ataa qabannee dhihaanna kan jedhan obbo Abarraan.
Filannichi Itiyoophiyaanonni gara boqonnaa dimokiraasii fooyya’aatti kan ceesisu carraa seenaa murteessaa ta'uu ibsaniiru.
Miseensi hojii raawwachiiftuu Sosochii biyyolessaa Amaaraa (ABN) Yusuuf Ibiraahim,ce’umsi siyaasa Itiyoophiyaa filannoo dimokiraatawaa fi olaantummaa yaadaa qofaan tahuu akka qabu paartiinsaanii amantaa cimaa qabaachuu ibsaniiru.
Filannoo nagaa qaabeessaa fi dimokiraatawaan qophii bal’aa kan gaafatu ta’uu eeranii, kunis qophii manufeestoo irraa kaasee hanga gandaatti yaadawwan filannoo beeksisuun hojii kan gaafatu ta’uu ibsaniiru.
Filannoon qaama ijaarsa aadaa dimokirasii waan ta’eef paartiin saanii, filannoo walii galaa 7ffaarratti dammaqinaan hirmaachuuf qophii taasisuusaa beeksisaniiru.