Baatiiwwan torban darban omishawwan hortii kaalcharii gara alaatti ergamanirraa galiin doolaara miiliyoona 288 ol argameera - ENA Afaan Oromoo
Baatiiwwan torban darban omishawwan hortii kaalcharii gara alaatti ergamanirraa galiin doolaara miiliyoona 288 ol argameera
Guraandhala 20/2018(ENA): Baatiiwwan torban darban omishawwan hortii kaalcharii gara alaatti ergamanirraa galiin doolaara miiliyoona 288 ol argamuu Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaa ibsan.
Ministeerri Qonnaa Invastimentii Hortiikalchariin raawwii karoora al-ergii baatii torbaarratti qaamolee qooda fudhattoota waliin marii gaggeessaa jira.
Wayita sana Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaa akka ibsanitti bara baajataa 2018 baatiiwwan torban darban daldala al-ergii omishawwan hortii kaalcheriirraa galiin doolaara miiliyoona 288 ol argameera jedhani.
Galiin kun Abaaboowwan,Muduraa fi kuduraawwan biyyoota alaa adda addaatti ergamerraa kan argame ta’uu dubbataniiru.
Mootummaan Omishaa fi omishtummaa Qonnaa guddisuunii fi qulqullina eegsisuun sharafa alaa damicharraa argamu guddisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Misooma Qonnaa Teekinooloojiin deeggaruun, hojiiwwan misooma Qonnaa ammayyaa babal’isuun caalaatti bu’aa qabeessa taasisuuf hojiiwwan dandeesisan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Damee Invastimentii Qonnaan rakkoowwan abbootii qabeenyaa mudatan furuun milkaa’ina caalu galmeessuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.