Tamsaasa Kallatti:

Nageenyi Godina Wallaggaa Lixaatti bu’e,gaaffileen hawaasni bu’uuraalee misoomaaf gaafachaa tureef deebii akka argatuuf carraa uumeera.

Guraandhala 20/2018 (ENA): Nageenyi Godina Wallaggaa Lixaatti bu’e,gaaffileen hawaasni bu’uuraalee misoomaaf gaafachaa tureef deebii akka argatuuf carraa uumuu bulchiinsi Godinichaa beeksise.

Hoggantoonni Godinichaa pirojektoota misoomaa adda addaa Godinicha keessatti ijaaramaa jiran daawataniiru.

Pirojektoota hooggantoonni daawwatan keessaa Giddugala Misooma Qonnaa aanaa Gibee magaalaa Kooboritti argamu, wiirtuuwwan horsiisa beeyladaa fi horsiisa kanniisaa, akkasumas hojiiwwan Maaddii Guutuu kan argaman ta’uu ibsameera.

Bulchaan olaanaa godina Wallgga Lixaa obbo Taliilaa Tarrafaa daawwannaa kana irraatti akka ibsanitti, hojiileen misoomaa waggoota darban keessatti hojjetamaa turan hawaasa fayyadamoo taasisaa jiru jedhani.

Pirojektoonni kunneen gaaffii misoomaa jiraattonni Godinichaa kaasan deebisuuf dandeettii guddaa kan qaban ta’uu ibsuun, nageenyi Godinichi keessatti mul’ate hojiiwwan misoomaa saffisiisuuf gargaareera jedhan.

Keessattuu damee qonnaa keessatti jalqabbiiwwan hojiirra oolaa jiran wabii nyaataa mirkaneessuu fi jireenya hawaasaa fooyyessuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuus ibsaniiru.

Itti dabaluunis pirojektoota misoomaa Godinicha keessatti galmaa’an hojii nageenyaa fi misoomaa ummata hirmaachisuuf xiyyeeffannoon guddaan kennameefii jiraachuu ibsaniiru.

Pirojektoota bu’uuraalee misoomaa Godinicha keessatti ijaaramaa jiran keessaa daandii, riqicha, jallisii, dhaabbileen barnootaa fi fayyaa akka jiran kan ibsamee yoo ta’u, bara bajataa kanatti tajaajilaaf akka xumuramuuf ciminaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015