Dirree Dawaatti Tajaajillii fi Dhaqqabamummaan Mana Murtii Aadaa cimanii itti fufu- Kantiibaa Kadir Juhaar - ENA Afaan Oromoo
Dirree Dawaatti Tajaajillii fi Dhaqqabamummaan Mana Murtii Aadaa cimanii itti fufu- Kantiibaa Kadir Juhaar
Guraandhala19/2018(ENA):Dirree Dawaatti Manni Murtii Aadaa Murtii si’ataa fi dhaqqabamaa tajaajilamtootaaf kennuun qooda murteessaa gumaachaa jiran cimanii ittifufu jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Kadir Juhaar ibsan.
Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaatti sirni beekamtii kennuu fi Mana Maree Mana Murtii Aadaa hundeesuu gaggeeffameera.
Saganticharratti kan argaman Kantiibaan Bulchinsichaa Kadir Juhaar akka ibsanitti , Manni Murtii Aadaa lammiileef tajaajila dhaqqabamaa kennuun, dhiibbaa baay’ina galmee Mana Murtii idileerraa hir’isaa jiru jedhani.
Tajaajilli Haqaa akka fooyya’uuf hojii abdachiisaan hojjetamaa jiru caalaatti idileessuuf hammattoo seeraa ittiin gaggeefaman Mana Maree Bulchiinsichaan mirkanaa’ee gara hojiitti galamuu beeksisaniiru.
Kanaaf, Manneen Murtii Aadaa hojii bu’aa qabeessa ta’e akka hojjetan xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu eeraniii,hundeeffamuun mana marichaa tarkaanfii murteessa ta’uu ibsaniiru.
Hoogganaan Biiroo Dhimma Haqaa, tasgabbii fi Seeraa Bulchiinsa Dirree Dawaa obbo AbduuSalaam Ahimad gamasaniin, adeemsa hoj-maataa Manni Murtii Aadaa hordofan Hawaasatti dhiheenya qabaachusaa fi tajaajila haqaa akka argatan gochuun, walitti dhufeenyi hawaasummaa akka cimu taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Danbii fi hoj-maata Mana Murtii Idileerraa adda isaan tasisu adda baasuun hojii bu’aa qabeessa barbaadamu akka raawwataniif deeggarsa barbaachisaan akka taasifamuufii beeksisaniiru.
Manneen Murtii Aadaa Seeraa fi duudhaa Aadaa eeguunii fi hariiroo hawaasaa Cimsuun baay’ina hojii( galmee) Mana Murtii Idilee salphisaa jiraachuu Pirezidaantiin Mana Murtii
Oldabarfataa Dirree Dawaa obbo Najiib Idiriis ibsaniiru.
Dabalaataanis qisaasama qabeenyaa fi yeroo hanbisuun omishtummaan caalaatti akka dagaaguuf kan gumaachu ta’uu eeruun, beekmtiin har’a kennme hojii caalu hojjechuuf akka isaan dandeessisu obbo Najiib Idiriis himaniiru.
Abbootii Amantaa fi Jaarsolii biyyaa beekamoo , Abootii Gadaa fi uztaazonnii fi hawaasni sadarkaasadarkaan jiran miseensa Mana Maree Mana Murtii Aadaa ta’uusaanii sirnicharratti ibsaniiru.