Adeemsa Marii Biyyoolessaa milkaa’inaan itti fufsiisuuf hirmaannaan qaamolee hundaa cimuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Adeemsa Marii Biyyoolessaa milkaa’inaan itti fufsiisuuf hirmaannaan qaamolee hundaa cimuu qaba
Guraandhala19/2018(ENA):Adeemsa Marii Biyyoolessaa milkaa’inaan itti fufsiisuuf hirmaannaanii fi qoodni qaamolee hundaa cimuu akka qabu barsiisonni Yuunivarsiitii Odaa Bultum hubachiisan.
Komishinii Marii Biyyoolessaa waggoottan darban naannoolee adda addaatti ajandaa walitti qabuun marii taasisaa turuunsaa ni beekama.
Barsiisonni Yuunivarsiitii Odaa Bultum ENA waliin turtii taasisan akka ibsanitti, hojii komishinichi hojjechaa jiru walii galtee biyyoolessaa uumuu fi aadaa Siyaasaa qaroome akka dagaaguuf abdiin kan irra kaa’ame waan ta’eef milka’inasaaf hunduu qoodasaa bahuu qaba jedhaniiru.
Yuunivarsiitii Odaa Bultumitti Qindeessaa Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa fi Barsiisaa kan ta’an Fiqaaduu Warquu,waldhabdeewwan biyyattii duubatti harkisan dhabamsiisuuf mariin furmaata waaraa ta’a jedhaniiru.
Itiyoophiyaa keessatti gara garummaa yaadaa fi waldhabdeewwan mariin qofa furuuf aadaa marii dagaagsuun dhalootaa dhalootatti dabarsuuf mariin biyyoolessaa furmaata waaraa fida jedhaniiru.
Gama kanaan hayyoonni yaada qorannoo fi qo’annoon deeggaramee sababa qabeessa ta’e qooduun, ilaalchota ka’umsa waldhabdee ta’an gara gidduugaleessaatti fiduun ajandaa marii taasisuu keessatti gahee guddaa akka qaban eeraniiru.
Namni hundi gahee isarraa eegamu bahuu akka qabus dabalanii ibsaniiru.
Mariin biyyoolessaa garaagarummaa jiru mariin hiikuun biyya fakkeenyummaan waamamtu uumuuf akka gargaaru Yuunivarsiitichatti barsiisaa Falaasamaa Barsiisaa Darrib Garramuu ibsaniiru.
Komishiniin Marii Biyyoolessa hojiiwwan hojjechaa jiru hawaasni hundi akka deeggarus dubbataniiru.
Kaayyoon Komishiniin Marii Biyyoolessaa qabatee ka’e tooftaa waldhabdee fi garaagarummaa jiru karaa nagaan itti hiikan waan ta’eef, dorgommii mo’amuu fi mo’achuurraa bilisa taatee biyya waliinii ijaaruuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.