Damee turizimiin fayyadamummaa dinagdee fi dorgomtummaa mirkaneessuuf hojiilee hojjetameen bu’aan galmaa’eera. - ENA Afaan Oromoo
Damee turizimiin fayyadamummaa dinagdee fi dorgomtummaa mirkaneessuuf hojiilee hojjetameen bu’aan galmaa’eera.
Guraandhala 19/2018 (ENA): Damee turizimiin fayyadamummaa dinagdee fi dorgomtummaa mirkaneessuuf hojiilee hojjetameen bu’aan galmaa’eera jedhan Ministirri Ministeera Turizimii aadde Salaamaawit Kaasaa.
Ministeerri Tuurizimii gamaaggama karoora walakkaa waggaa damichaa bara baajata 2018 magaalaa Arbaa Minchitti gaggeessaa jira.
Ministirri Salaamaawit Kaasaa waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, milkaa’ina karoora misoomaa waggaa 10 biyyattii keessatti dameen turizimii gahee murteessaa akka qabu eeruun, Ministeerichi karoora yeroo giddu galeessaa baasee irratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Qabeenya turizimii uumamaa fi nam-tolchee biyyattii keessatti argaman eeguu fi misoomsuu bakkeewwan turizimii babal’isuun fayyadamummaa diinagdee damichaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Pirojektoonni kaka’umsa Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin eegalaman, Maaddii Biyyaa ilaalcha haaraatiin damicharratti boqonnaa haaraa bananiiru jedhan.
Faayidaa diinagdee fi dorgomtummaa damee turizimii akka biyyaatti guddisuuf iddoowwan turizimii haaraan qophaa’anii kanneen jiran cimsuun daawwattootaaf banamuu isaanii eeranii, kunis bu’aa argamsiiseera.
Qabeenya aadaa fi uumamaa hedduu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa(UNESCO)tti galmeessisuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti bu’aan qabatamaan galmaa’aa jiraachuu eeruun, kana cimsuu fi itti fufsiisuuf ni hojjanna jedhaniiru.
Bara 2025 damee turizimii keessatti guddinni dhibbeentaa 15 galmaa’uu eeruun, kana keessattis miidiyaaleen, dameen dhuunfaa, michoota misoomaa fi kanneen biroo gahee olaanaa taphachuu isaanii ibsaniiru.
Ji’oota hafan keessattis dhaabbilee sadarkaa sadarkaan jiran teeknooloojii dijitaalaatiin cimsuu, hoggantootaa fi ogeessota gahumsa qaban uumuu, tajaajila gahumsa qabu kennuuf ciminaan ni hojjata jedhaniiru.
Bulchaan Bulchiinsa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Xilahuun Kabbadaa gamasaaniitiin imala badhaadhina dameelee diinagdee adda addaa biratti milkaa’uuf turizimiin gahee jedhan.
Naannichatti dandeettiin turizimii bal’aan akka jirus eeraniiru; keessumattuu, seenaa dheeraa naannichaa, aadaa ajaa’ibaa, qabeenyi uumamaa, fi adda addummaa guddina damichaaf carraa guddaa akka ta’e dubbataniiru.
Iddoowwan hambaa naannichaa UNESCOn galmaa’an, paarkiiwwan biyyoolessaa, qabeenyi turizimii aadaa, uumamaa fi amantaa guddina biyyattiif gumaacha olaanaa akka taasisaa jirus eeraniiru.
Mootummaan naannichaa hawwata turizimii misoomsuun, dhaabbilee tajaajila kennan babal’isuun, lammiileef carraa hojii uumuun fayyadamummaa diinagdee damichaa guddisuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Magaalaan Arbaa Minchi magaalaa hawwata turizimiin beekamtuun dabalatatti nageenyi ishees kan mirkanaa’e dha kan jedhai immoo kantiibaa magaalichaa Dr. Masfin Manzaa dha.
Waltajjicha guyyoota lamaaf kan turu yoo ta'u, miseensota koree dhaabbii daldalaa fi turizimii mana maree bakka bu'oota ummataa dabalatee bakka bu'oonni damichaa naannolee fi bulchiinsa magaalota hundarraa hirmaataa jiru.