Kolombiyaan Itiyoophiyaa waliin tumsa qabdu babal’isuuf barbaaddi - Ambaasaaddar Yooson Arkaadiyoo Meenes Koopeetee - ENA Afaan Oromoo
Kolombiyaan Itiyoophiyaa waliin tumsa qabdu babal’isuuf barbaaddi - Ambaasaaddar Yooson Arkaadiyoo Meenes Koopeetee
Guraandhala 19/2018 (ENA): Kolombiyaan walitti dhufeenya seenaa fi aadaa Itiyoophiyaa waliin qabdu gama biraatiin babal’isuuf fedhii akka qabdu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Kolombiyaa Yooson Arkaadiyoo Meenes Koopeetee himan.
Ambaasaaddar Yooson turtii ENA waliin taasisaniin biyyoonni lamaan hariiroo yeroo dheeraa akka qaban ibsaniiru.
Injifannoon Adwaa ummata Afroo-Kaaribiyaa Kolombiyaa keessa jiraataniif madda boonsaa fi kaka’umsaa akka ta’e akeekaniiru.
Itiyoophiyaan injifannoo Adwaatiin haadha bilisummaa, mallattoo qabsoo fi mallattoo hin jilbeeffatamuu taateetti jedhan.
Akkasumas, Itiyoophiyaan sochii Paan Afriikaa fi sochii farra koloneeffataa addunyaa guutuu keessatti ga’ee olaanaa akka qabdu ibsaniiru.
Ambaasaaddarichi walitti dhufeenyi lammiilee Kolombiyaa hidda dhaloota Afrikaa fi Itiyoophiyaa gidduu jiru hariiroo aadaa biyyoota lamaanii cimsuu isaa ibsaniiru.
Ambaasaaddar Yooson hariiroon dippilomaasii Kolombiyaa fi Itiyoophiyaa guddachaa jiru kan ibsan yoo ta’u, biyyoonni lamaan yeroo hunda waljijjiirraa teeknikaa fi marii waloo keessumaa damee bunaa irratti gaggeessaa akka jiran hubachiisaniiru.
Itti dabaluunis biyyoonni lamaan dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa oomisha bunaa irratti geessisu ittisuuf waliin hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Bunni damee biyyoota lamaaniif barbaachisummaa tarsiimoo qabu ta’uu ibsuun, jireenyaa fi guddina galii lammiilee fooyyessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu hubachiisaniiru.
Gama biraatiin ambaasaaddarichi jijjiirama ariifataa magaalaa Finfinnee kan ajaa’ibsiifatan yoo ta’u, tumsa magaalaa guddoo Kolombiyaa Boogotaa waliin taasisan ibsaniiru.
Boogotaan waggoota kurnan lamaan darban keessatti haaromsa magaalaa akka raawwatte kan ibsan yoo ta’u, magaalonni lamaan misooma magaalaa hunda hammatee fi itti fufiinsa qabu guddisuuf muuxannoo waljijjiiraa akka jiran hubachiisaniiru.
Kolombiyaan hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo akka qabdus beeksisaniiru.
Itiyoophiyaa fi Kolombiyaan akka lakkoofsa faranjootaatti bara 1947 hariiroo dippilomaasii kan hundeessan ta’uu ragaaleen ni ibsu.
Kolombiyaan Hagayya 2017 Itiyoophiyaatti Imbaasii ishee lammataa banuun ishee kan yaadatamu yoo ta’u, kunis biyyoonni lamaan tumsa isaanii cimsuuf kutannoo qaban kan agarsiisudha.
Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital