Dantaa Biyyoolessaaf dhaabbachuun waggoota hedduuf kan ture bu’aa waloomaa fi jaalala biyyaati - ENA Afaan Oromoo
Dantaa Biyyoolessaaf dhaabbachuun waggoota hedduuf kan ture bu’aa waloomaa fi jaalala biyyaati
Guraandhala 19/2018 (ENA): Dantaa biyyoolessaaf dhaabbachuun bu’aa gamtaa fi jaalala biyyaa jaarraa hedduuf ture ta’uu Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi tasgabbii Magaalaa Finfinnee aadde Liidiyaa Girmaa himaniiru.
Mariin paanaalii waggaa 130ffaa Injifannoo Adwaa sababeeffachuun mata duree "Seenaa boonsaa irraa gara abdii ifaatti" jedhuun gaggeeffameera.
Wayita kanatti Injifannoon Adwaa hiree biyya keenyaa jijjiiree Itiyoophiyaa tokkummaa fi badhaate dhugoomsuudhaaf nu kakaasa jedhan hoggantuun biirichaa.
Hidhi Haaromsa Guddichi xumuramuun isaa fakkeenya Adwaa lammaffaa ta’uu fi bu’aa hojii biroof kan nama kakaasu ta’uu ibsaniiru.
Guyyaan Injifannoo Adwaa bara kanaa yeroo bu’aa ni dandeenyaa hojjechuun agarsiifnee fi bifa gaarii biyya keenyaa addunyaatti agarsiifne, Haroo Nigaatii fi Gaarreen Gubaa irratti missiraachoo badhaadhinaa labsinee yeroon ammaa kunimmoo filannoo biyyoolessaa 7ffaan gaggeeffamaa waan jiruuf adda isa taasisa jedhani.
Waltajjicharratti Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee waraqaa marii mata duree "Imaanaa Adwaa tokkummaa, Birmadummaa fi olka’insaaf’’ jedhu marii kanarratti dhiyeessee mari'atameera.
Waltajjicharratti Itti Gaafatamaan Waajjira Duula Raayyaa Ittisa Biyyaa Leetenaal Jeneraal Balaay Siyyum guyyaan injifannoo Adwaa mallattoo bilisummaa waan ta'eef dhaloonni seenaa isaa kunuunsee dhalootaaf dabarsuu akka qabu ibsaniiru.
Hogganaan waliigalaa Poolisii Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw ergaa dabarsaniin, Hidhi Haaromsaa Adwaa lammaffaa ta’uu ibsaniiru.