Naannoo Oromiyaatti bara bajatichaa baatiiwwan darbanitti Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu 668 xumurmanii hojii eegalaniiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti bara bajatichaa baatiiwwan darbanitti Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu 668 xumurmanii hojii eegalaniiru
Guraandhala19/2018(ENA) -Naannoo Oromiyaatti bara baajatichaa baatiiwwan darbanitti, waliin gahiinsa bishaan dhugaatii babal’isuun, fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf hojii hojjetameen pirojektoonni bishaanii 668 xumuramuun hojiitti galuusaanii Biiroon Bishaanii fi Inarjii Naannichaa beeksise.
Hoggantuun Biirichaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaa ENA’f akka ibsanitti, naannichatti waliin gahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluu babal’isuun fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru.
Kananis pirojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu haaraa ijaarurra darbee, sababoota adda addaan pirojektoota bishaanii hojii dhaabanii turan hojiin suphuu hojjetamuusaa dubbataniiru.
Walakkaa bara baajatichaatti pirojektoonni bishaan dhugaatii qulqulluun ummata kuma 375n fayyadamaa taasisan pirojektoonni bishaan dhugaatii qulqulluu 668 tajajilaaf ga’uusaanii ibsaniiru.
Pirojektoota bishaan dhugaatii kuma tokko sababoota adda addaan tajaajila dhaaban suphuun tajaajilootni addaan citan irra deebi’uun hojii jalqabsiisuun danda’ameera jedhaniiru.
Pirojektoota bishaan dhugaatii yeroo dheeraaf ijaarsisanii harkifatee fi madda komii hawasaa ta’an xumuruun tajaajilaaf qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu Injiinar Miiliyoon beeksisaniiru.
Hanga ammaatti pirojektiin Bishaan dhugaatii qulqulluu Baalee Roobee xumuramuu ibsuun yeroo ammaa pirojekticha sararoota duraanii waliin wal qabsisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Haaluma wal-fakkaatuun ijaarsi Pirojektii Bishaanii Magaala Walisoo fi sarara diriirsuun gandoota lamaan alatti xumuramuusaa eeruun, pirojektiin bishaan dhugaatii Mojoo fi Adamaa xumuramuun walakkaan tajaajila kennuu eegaluu ibsaniiru.
Fuuldurattis pirojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu raawwiinsaanii dhibbantaa 85n ol ga’an, xumuruun tajaajilaaf qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Fuuldurattiis hojii hordoffii fi to’annaa cimsuun, pirojektoota ijaarsarra jiran guutummaa guutuutti xumuruun tajaajilaaf qaqqabsiisuuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru.