Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan galmoota Ajandaa 2063 Gamtaa Afrikaa galmaan ga’uuf gahee adda duree taphachaa jirti

Guraandhala 19/2018 (ENA): Itiyoophiyaan kaayyoo Ajandaa 2063 Gamtaa Afrikaa galmaan ga’uuf gahee adda duree taphachaa jirti jedhan Yunivarsiitii Dirree Dawaatti barsiisaa fi qorataan barnoota dinagdee doktar Zarihuun Tamsaas.


 

Turtii ENA waliin taasisaniin Yunivarsiitii Dirree Dawaatti barsiisaa fi qorataan damee kanaa kan ta’an Dr. Zarihuun Tamsaas akka himanitti, hojiiwwan misoomaa kallattii hedduu Itiyoophiyaan hojjechaa jirtu jijjiirama qabatamaa fidaa kan jirudha jedhani.

Fakkeenyaaf, waggoota darban keessatti hojiiwwan milkaa’oo damee oomishaa keessatti galmaa’aa jiran, Gamtichi gara dinagdee industiriitiin durfamutti akka ce’u kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.

Misooma abbootiin qabeenyaa gurguddoon biyya alaa zoonii diinagdee addaa fi paarkiiwwan indaastirii magaalota adda addaa keessatti ijaaraman keessatti raawwatamaa jiran akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Itiyoophiyaan ajandaawwan Gamtichaa galmaan ga’uuf bu’uura cimaa kaa’aa akka jirtu kan mirkaneessan keessaa hojiin bu’a qabeessi qonnaa keessattuu misooma qamadii keessatti argame agarsiiftuu gaarii ta’uu ibsaniiru.


 

Biyyoonni Gamtaa Afriikaa imala wabii nyaataa mirkaneessu galmaan ga’uuf qabeenyaafi beekumsa isaaniitti fayyadamuu akka danda’an kun agarsiistuu guddaa ta’uu ibsaniru.

Kana hunda bira darbee waggoota muraasa darban keessatti bu’aan damee bu’uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa keessatti galmaa’e biyyoota Afrikaa walitti hidhuun fayyadamummaa dinagdee waliinii mirkaneessee jira jedhaniiru.


 

Keessattuu, Hidhi Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, bu’uuraaleen misooma daandii ammayyaa baaburaa fi daandii naannichaa keessatti ijaaramaa jiran walitti hidhamiinsaa biyyoota naannichaa fi faayidaa waloof fakkeenya olaanaa kan ta’u dha jedhani.

Hojiiwwan Itiyoophiyaan galma ga’iinsa ajandaawwan Gamtichaatiif hojjechaa jirtu, biyyoota biroof kan fakkeenya ta’anii waan ta’eef, kana daran guddisuuf imaammattoonnii fi tarsiimoon hojiirra oolaa jiru haala mijataa uumaa akka jiran akeekaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015