Tamsaasa Kallatti:

Waraqaan eenyummaa Faayidaa tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun erga eegalamee asitti namootni galmaa’an dabalaa jira

Guraandhala 19/2018(ENA) - Waraqaan eenyummaa dijitaalaa Faayidaa tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun erga eegalamee asitti, lakkoofsi namoota galmaa’anii dabalaa dhufuu Waajjira Ministira Muummeetti, Qindeessaan Sagantaa Galmee Waraqaa Eenyummaa Dajanee Gabree beeksisan.

Sagantaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaa bara 2014 waajjira Ministira Muummeetti kan eegale yoo ta’u, yeroo dhihoo asitti tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun bu’uuraalee misoomaa Dijitaalaa saffisiisuuf hojjetamaa jira.

Qindeessaan Sagantaa galmee waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Dajanee Gabree ENA’f akka ibsanitti, galmeen Waraqaa eenyummaa Dijitaalaa Faayidaa hirmaachisaa akka ta’uuf dhaabbilee tajaajila kennan adda addaa waliin qindoominaan akka hojjetu ta’eera.

Kanaan walqabatee baay’inni namoota waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa Faayidaa fudhatanii dabalaa jiraachuu ibsanii, sagantaan galmee erga jalqabee as lammiileen miiliyoona 36 galmaa’uun Abbaa waraqaa eenyumma ta’uusaanii ibsaniiru.

Waraqaan Eenyummaa dijiitaalaa faayidaa kenninsa tajaajilaa kan saffisiisuu fi ijaarsa dinagdee biyyaaf gahee guddaa gumaachaa jiraachuu eeranii keesumaa tarsiimoo Dijiitala Itiyoophiyaa 2030 galmaan gahuu keessatti, faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.

Fakkeenyaaf, ‘Faayidaa’ qabiyyee abbummaa lafa qonnaan bulaa waliin wal-qabsiisuun lammiileen hedduun akka galmaa’an gochuurra darbee, qonnaan bulaan qabiyyeesaa wabii godhachuun tajaajila faayinaansii akka argatuuf Ooyruusaa sirnaan bulchuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Naannoo Benishaangul Gumuzitti hanga ammaatti lammiileen kuma 250 ol kan galmaa’an yoo ta’u, haala raawwiisaa fooyyessuuf hubannaa hawaasaa guddisuun akka barbaachisu qindeessaan kun beeksisaniiru.

Naannichati harka dhibba galmaan ga’uuf, dhaabbilee tajaajila kennan adda addaa waliin wal qabsiisuun karooricha milkeessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Biiroon Lafaa fi Gurmii Waldaa Hojii Gamtaa naannoo Benishaangul gumuz Ministeera qonnaa waliin ta’uun mata duree “ waraqaa eenyummaa biyyaalessaa abbaa qabiyyee lafa baadiyaaf’’ jedhuun waltajjiin marii gaggeeffamuun ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015