Tamsaasa Kallatti:

Barnoota Hubannoo Namtolchee Manneen barnootaa Sadarkaa 1ffaa irraa eegalee kennuuf qophiin taasifamaa jira

Guraandhala 19/2018 (ENA): Barnoota Hubannoo Namtolchee(AI) Manneen barnootaa Sadarkaa 1ffaa irraa eegalee kennuuf qophiin taasifamaa jira Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Ministeera Barnootaatti Qindeessaa ii larniingi( E-Learning) fi Inishiyeetiivii Koodaroota Itiyoophiyaa Miiliyoona 5 kan ta’an Mulunaa Axinaafuu ENAtti akka himanitti, tattaaffii haaromsaa biyyattii keessatti hojiirra oolaa jiruu fi bu’a qabeessummaa hojiirra oolmaa Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 haala mijeessuuf misoomni humna namaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaafis dandeettii fi beekumsi dijitaalaa guddachuu akka qabu ibsuun, ministeerichi ajandaa haaromsa biyyaalessaa fi ergama isaa irratti hundaa’uun imala eegaluu isaa ibsaniiru.

Sagantaa guddina beekumsaa fi dandeettii dijitaalaa barsiisotaa fi barattoota akkasumas hawaasaaf hojiirra oolchuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsaniiru.

Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 keessatti dhimmoota xiyyeeffannoon kennaman keessaa tokko bulchiinsa humna namaa ta’uu ibsuun, barbaachisummaan damichaa dinagdee biyyattiif qabu mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hubannoo namtolchee fi barnoota hubannoo dijitaalaa guddisu kan danda’u kutaa tokkoo hanga kudha lamaatti kaarikulamii barnootaa keessatti hammachiisuun barnoota kennuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti dandeettii fi beekumsa dijitaalaa barsiisotaa fi barattootaa guddisuuf kan dandeessisan hojiin hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Itti dabaluunis lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 5 ta’an kanaaf leenjii koodarsii akka fudhatan deeggarsi taasifamaa jira jedhan.

Ministeerri Barnootaa dargaggoota addunyaa dijitaalaa keessatti gahumsaa fi dorgomaa ta’an oomishuuf bu’uura beekumsaa fi dandeettii dijitaalaa irratti xiyyeeffachuu isaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015