Tamsaasa Kallatti:

Manni Murtii Aadaa waldhabdeewwan furuun haqa mirkaneessaa jira

Guraandhala 19/2018(ENA): Godina Wallaggaa Lixaatti Manni Murtii Aadaa waldhabdeewwan hiikuun haqa mirkaneessuun bu’aan gaariin argamuu tajaajilamtoonni ibsan.

Naannoo Oromiyaatti Manni Murtii Aadaa sirna Gadaa bu’uura godachuun waldhabdeewwan furuuf Manni Murtii Aadaa bu’uura seeraa qabaatee hojjechaa jira.

Godina Wallaggaa Lixaatti Manni Murtii Aadaa waldhabdeewwan sababa adda addaan uumamani araaraan furuun, haqa sirrii argachaa jirachuu jiraattonni ibsaniiru.

Manni Murtii Aadaa Mana Murtii Idileerraa hojii salphisuunii fi duudhaa hawaasummaa cimsuurratti bu’aa argamsiisa jira.

Jiraattonni kun ammaan dura rakkoo saanii furachuuf Mana Murtii Idileetti deddebi’uun baasii hin malleef saaxilamaa turuusaanii ibsaniiru.

Manni Murtii Aadaa waldhabdeewwan Hawaasummaa fi Diinagdee yeroo gabaabaatti araaraan furuun, haqa mirkaneessuuf qooda olaanaa gumaachaa jiraachuun hubatameera.


 

Mana Murtii Aadaa Aanaa Laaloo Assaabii, Innaangoo Ganda 02 dhaala maatiisaanii kabachiifachuuf kan dhufan ta’uu aadde Xaayituu Kumarraa ibsuun, dhimmasaanii jaarsolii biyyaa hawaasa biratti fudhatama qabaniin guyyaa gabaabaa keessatti xurachuusaanii ibsaniiru.

Hawaasni aadaa fi duudhaasaa eegee rakkoolee jiran araaraan akka hiikuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuun, qaamoleen hundi Manni Murtii Aadaa akka cimuuf qoodasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru.

Jiraataan Aanaa Laaloo Assaabii obbo Guuttataa Dhibbisaa gamasaaniin,Manni Murtii Aadaa duudhaa hawaasaa hordofuun, kan hojjetan ta’uusaaniin ragaa sobaa hanbisuun haqa mirkaneessuuf kan gargaaran ta’uu ibsaniiru.

Manni Murtii Aadaa deddeebbii mana murtii idileetti taassifamu hir’isuun, Jaarsolii biyyaa fi Abbootii Gadaan, haqni osoo hin jallatiiin furmaata akka argatan isaan dandeessisuu ibsaniiru.

Waldhabdee lafa bunaa qabanirratti isaan mudachuun gara Mana Murtii Aadaa dhufuusaanii kan ibsan ,obbo Caalaa Qana’aa dhimmisaanii Mana Murtii Aadaatti furmaata argatee araaraan akka xumuramu ta’aa jira jedhaniiru.

Bakka bu’aan itti gaafatamaa Waajjira Aadaa fi Turizimii Godinichaa obbo Misgaanuu Daggafaa akka ibsanitti, Manni Murtii Aadaa hawaasni dhiheenyatti haqa akka argatan taasisaa jira jedhaniiru.


 

Yeroo ammaa Godinichatti Manneen Murtii Aadaa 481 ijaaramanii hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Godinichatti hawaasni duudhaasaa eegee waldhabdeewwan araaraan akka furu taasisuu, akkasumas, hawaasa gidduutti waldhabdeewwan mudatan hanbisuun hojiin guddaan hojjetamaa jiraachuu obbo Misgaanuun ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015