Tumsi IGAD fi Dh.M.G nageenya riijiniif - ENA Afaan Oromoo
Tumsi IGAD fi Dh.M.G nageenya riijiniif
Guraandhala 19/2018 (ENA)- Abbaan taayitaa mootummoota misoomaa Afriikaa bahaa (IGAD) fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Dh.M.G) nagaa fi tasgabbii Afriikaa bahaa ilaalchisee tumsa waloo qaban caalaatti gabbisuuf kutannoo akka qaban beeksisan.
Sudaan Kibbaatti ergamaan addaa IGAD ambaasaaddar Guwaangi Muusaa Jamaa Alii barreessaa olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Kongi waliin Findinneetti mari’ataniiru.
Ergamoonni addaa nagaa fi tasgabbii riijiniirratti keessumaa haala yeroo Sudaan Kibbaa irratti yaada wal jijjiiraniiru.
Bu’aa Yaa’iin waloo Koreen biyyoota miseensa shanii gamtaa Afriikaa (AU C5) fi IGAD taasisanirraa argame irrattis mari’ataniiru.
Qaamonni lamaan nagana, tasgabbii fi tumsi riijinii gaanfa Afriikaatti akka dhugoomu qidoomina isaanii cimsuuf kutannoo akka qabaatan ibsuusaanii odeeffannoon ENA’n sekireetaariyaatii IGAD irraa argate ni mul’isa.