Tamsaasa Kallatti:

Imaammataa fi tarsiimoo haaraa hojiirra oolchuun misooma beeyladootaa fi qurxummii irratti guddinni galmaa’eera

Guraandhala 18/2018 (ENA): Imaammataa fi tarsiimoo haaraa hojiirra oolchuun misooma beeyladootaa fi qurxummii biyyattii keessatti guddinni olaanaan galmaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Bu’aa argame sadarkaa kanaan oliitti ceesisuuf qindoominni qooda fudhattoota gidduutti taasifamu murteessaa ta’uus ibsaniiru.

Ministeerri Qonnaa waltajjii marii qooda fudhattoota ekisteenshinii beeyladootaa fi qurxummii biyyoolessaa gaggeessaa jira.

Wayita kana Deetaan Ministeera Qonnaa Dr. Fiqiruu Raggaasaa Itiyoophiyaatti waggoota muraasa darban keessatti misoomni beeyladaa guddina olaanaa  agarsiiseera jedhan.

Imaammataa fi tarsiimoo haaraa hojiirra oolchuun horsiisa beeyladaa fi qurxummii irratti bu’aan guddaan galmaa’uu ibsaniiru.

Misoomni beeyladaa kanaan dura sadarkaa tarsiimootti dagatamee kan ture ta’us, amma garuu of danda’ee gurmeeffamee xiyyeeffannaan kennamee jiraachuu hubachiisaniiru.

Hojiirra oolmaan sirna ekisteenshinii kun beekumsaa fi teeknooloojii qonnaan bultootaaf galchuu fi itti fayyadamuudhaan fayyaa fi oomishtummaa beeyladaa irratti jijjiirama fiduu isaas ibsaniiru.

Qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoonni deeggarsa ogeessotaan dhukkuba beeyladaa ittisuun bu’a qabeessa ta’uu eeraniiru.

Teeknooloojiiwwan qorannoon argaman, hojiiwwan fooyya’iinsa sanyii fi mala kunuunsa fayyaa beeyladaatiin argaman irratti jalqabame abdachiisaa ta’uu ibsaniiru.

Hojiin qindoomina qooda fudhattootaa cimee itti fufuun bu’aa argame cimsuu akka qabus hubachiisaniiru.

Mootummaan damee kanarraa galii argatu guddisuuf karaa innisheetivoota boceen, Itiyoophiyaan beeylada irraa galii argachuu qabdu akka argattuufi xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu eeraniiru.


 

Hogganaan Biiroo Misooma Qabeenya Beeyladaa Naannoo Sidaamaa obbo Asaffaa Foonaa gama isaaniin, naannichi misooma beeyladaa fi qurxummii irratti xiyyeeffachuun gosa sanyii beeyladootaa fooyyessuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhani.


 

Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Naannoo Ummata Kibba Lixa Itiyoophiyaa fi Itti Gaafatamaa Damee Beeyladaa fi Qurxummii obbo Taammanaa Baqqalaa akka ibsanitti, oomishaa fi oomishtummaa fooyyessuuf nyaata beeyladaa ammayyaa misoomsuun eegalameera jedhani.



Hojii gaggeessaan olaanaa Waldaa Fayyaa Beeyladaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Indiriyaas Zawuduu akka jedhanitti, guddinni damichaa keessatti ekisteenshiniin fayyaa beeyladaa gahee olaanaa qabaachuu eeruun, waldichi fayyaa beeyladaa irratti ciminaan hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015