Tamsaasa Kallatti:

Piroojektoonni Godinaalee Wallaggaatti hojjetaman carraa guddaa hawaasa naannichaaf kan fidan ta’uu ibsame.

Guraandhala 18 /2018 (ENA) - Piroojektoonni Godina Wallaggaatti hojjetaman carraa olaanaa hawaasa naannichaaf kan fidan ta’uu hawaasni Godinichaa ibsani.

Tibbana Godinaalee Wallaggaatti Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad piroojektoota misoomaa eebbisuun hojii jalqabsiisuun isaanii ni yaadatama.


 

Hawaasni naannichaas piroojektoota misoomaa hojjetameefiitti gammaduun carraa garii fideefii kan dhufe ta’uu fi abdii olaanaa kan isaanitti hore ta’uu yaada isaanii ENA’f kennan dubbataniiru.

Pirookektoota tibbana eebbifaman keessaa Warshaan Dhagaa Cilee Arjoo isa tokkodha.


 

warshaan cilee kuni waggaatti Dhagaa Cilee Toonii Miili.1.2 akka oomishu ibsameera.

Warshaan Cilee kuni Godina Wallagga Bahaa Aanaa Diggaatti kan hojjetame dha. Warshaan Oomisha Dhagaa Cilee bittaan alaa galu hambisuun sharafa alaa qusachuus himameera.


 

Hawaasa naannichaaf carraa guddaa fi abdii kan itti hore ta'uu Abbaan Gadaa Waayyuu Leeqaa Tasfaa Dilgaasaa jiraataa aanichaa ibsaniiru. Kanaan dura gaaffii hawaasaa ta'aa kan ture yeroo ammaa deebii arganneera waan ta'eef itti gammanneerra jedhani.

Kana malees Misoomni koriidaraas faayidaa olaanaa qabaachuu fi hawaasa naannichaa fayyadamoo taasisaa kan jiru ta’uu ragaa bahaniiru.

Barattoonni barnoota isaanii xumuranii hojii malee taa’aa jiran wayita ammaa gara hojiitti galaa jiraachuus himaniiru. Isaanis warshaan kunii fi piroojektoonni biroo hojjetamuu isaaniitiin abdii fi gammachuu guddaa kan isaaniifis hawaasa naannichaafis uume ta’uu dubbataniiru.


 

Kanaan dura rakkoo misoomaa qabna jennee gaafachaa kan turre mootummaan gaaffii keenyaaf deebii nuuf laatedha waan ta’eef piroojektiin Dhakaa Cilee carraa hojii fi faayidaa biroollee hedduu hawaasa naannoo kanaaf uumeera kan jedhan jiraattuu Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Diggaa kan ta’an aadde Maartaa Abdiisaa dha.


 

Piroojektoota misoomaa naannoo keenyatti hojjetame kunuunsuun dhalootaaf dabarsuu qabnaa dhaamaniiru Abbaa Gadaa Tasfaa Dilgaasaa fi aadde Maartaa Abdiisaan.

Piroojektiin kanaan dura lafarra harkifataa ture wayita ammaa ifaajii mootummaa fi hawaasaan milkaa’ee eebbifamee hojii jalqabuun isaa uummata naannichaaf carraa hedduu fideefii dhufaa jira jedhan Bulchaan Godina Wallaggaa Lixaa obbo Taliilaa Tarrafaa.

Piroojektoota Minstirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad eebbisan keessaa piroojektiin misooma warqee Tulluu Kaappii isa tokkodha. Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Ganjiitti kan argamu piroojektiin misooma warqee Tulluu Kaappii ifatti hojii isaa eegaluun isaa ni yaadatama.


 

Piroojktiin kuni bu’aa hawaasa naannichaaf fide keessaa carraa hojii uumeeraa gara fuura duraattis kanaan ol kan uumu ta’uu ibsani obbo Taliilaan.

Hawaasaaf beenyaa gahaa kennuun, mana jireenyaa sadarkaa isaa eeggate jiraattotaaf ijaaruuf pilaaniin isaas qophaa'eejira jedhani.

Piroojektiima kana waliin wal qabatee piroojektoonni biroos ni dhufu, uummanni naannichaa bu’uuraalee misoomaa kanneen akka ibsaa, bishaan dhugaatii, daandii,buufanni fayyaas piroojektii kanaan walqabatee ijaaramaa jira waan ta’eef hawaasni naannichaa carraa qabeessa dha jedheeni.

Kuni immoo hawaasa naannichaa dammaqsuun diinagdee guddisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu himani.

Piroojektoota misoomaa hojjetaman kanniiniifis hawaasni kunuunsa barbaachisu taasisuun dhalootaaf dabarsuu akka qaban dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015