Ciminnii fi tokkumaan Abbootiin keenya Gootonni Injifannoo Adwaarratti agarsiisaan dargaggoonni misoomaan dabaluu qabu - ENA Afaan Oromoo
Ciminnii fi tokkumaan Abbootiin keenya Gootonni Injifannoo Adwaarratti agarsiisaan dargaggoonni misoomaan dabaluu qabu
Guraandhala 18/2018(ENA)-Injifannoo Adwaa Itiyoophiyaanonni hundi tokkummaa fi miira jaalala biyyaa itti mul’isan dargaggoonni itti fufsiisuu fi misooman dabaluu akka qaban waldaan goototaa Itiyophiyaa durii Naannoo Sidaamaa beeksise.
Ayyaanni Yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan Wixata Guraandhala 23 bara 2018 sagantaawwan adda addaan kabajama.
Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaanonni tokkummaan dhaabbatanii kabajaa fi birmadummaa biyyaa kan itti eegsisan mallattoo injifannoo ummata gurracha hundaati.
Durataa’aan Waldaa Goototaa Itiyophiyaa durii Naannoo Sidaamaa Obbo Yohaalaasheet Charinnat ENA’f akka ibsanitti, Injifannoon Adwaa Miirri jaalala biyyaa fi tokkummaan Itiyophiyaa kan itti ibsamedha.
Dargaggoonni jaalala biyyaa, tokkummaa, Cichoomina Injifannoo Adwaa irratti argame itti fufsiisuu fi misoomaan dabaluu akka qaban dubbataniiru.
Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaanota kan boonsu, ummata gurraacha hundaaf ibsituu bilisummaa waan ta’eef yaadannoosaa yeroo kabajnu hojii fakkeenyummaa abbootii keenyaa itti fufsiisuu qabna jedhaniiru.
Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaanonni dhimma biyyaarrati garaagarummaa kan hinqabannee fi birmadummaasaanii irratti ejjennoo tokko qabaachuusaanii dubbataniiru.
Biyyi kan ijaaramtu wal-harkaa fuudhinsa dhalootaan ta’uu kan ibsan obbo Yohaalaashet, biyya bilisoomte kan kaleessa Abbootiin keenya nutti dabarsan misoomaan guddisuu fi adda duree gochuu qabna jedhaniiru.
Waldaansaanii Yaadannoo Adwaa sababeeffachuun maneen baroota adda addaatti dhaloota barsiisuu eegaluusaanii miseensi waldichaa Aadde Gannat Lammaa ibsaniiru.
Injifannoon Adwaa Wareegama Gootonni Abbootiin keenya birmadummaa biyyaaf kaffalan seenaa dhiigaan barreeffame waan ta’ee fi dhaloonni sirnaan hubachuun itti fufsiisuu akka qabu dubbataniiru.
Injifannoon Adwaa dhalootaaf Gootummaa, Tokkummaa fi Walooma kan barsiise injifannoo uummata gurraachaa yoo ta’uu, seenaan waloo Jaalalli biyyaa fi kabajni Alaabaa itti mul’atedha.