Tamsaasa Kallatti:

Ispoortiin aadaa walitti dhufeenya hawaasaa caalaatti haala cimsuu fi duudhaalee ummata beeksisuu keessatti gahee akka qabaatu hojjetama jira - Biiroo dhimma Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa

Guraandhala 18/2018(ENA) - Mootummaan naannoo Oromiyaa Ispoortiin aadaa walitti dhufeenya hawaasaa caalaatti haala cimsuu danda'uu fi duudhaalee ummataa beeksisuu keessatti gahee akka qabaatu hojjecha jiraachuu Biiroon Dhimma dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa beeksise.

Guyyoota 10'f magaalaa Tullu Boollootti adeemsifamaa kan ture dorgommiin Ispoortii aadaa Oromiyaa fi Feestivaalli aadaa naannoo Oromiyaa xumurameera.

Dorgommii ispoortiiwwan aadaa 31ffaa fi Feestivaalli aadaa 18ffaa naannoo Oromiyaa kun mata duree "Misooma Ispoortii aadaa fi haaromsi aadaa olka'insa biyyaaf" jedhuun geggeeffama ture.

Dorgommii kanarratti godinaleen Oromiyaa 20 fi bulchiinsi magaalootaa 19  hirmaataniiru.

Dorgommiiwwan ispoortii aada 11 tapha kanarratti dhihaachuunis eerameera.

Sirna cufinsa dargommii ispoortii aadaa fi feestivala aadaa naannoo Oromiyaa kana irratti kan argaman Hoggantuun Biiroo Dhimma Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa aadde Roozaa Biyyaa Ispoortiin aadaa walitti dhufeenya hawaasaa cimsuu fi duudhaalee ummataa kunuunsuu fi cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. 

Dabalataan taphoonni ispoortii aadaa qabiyyee ispoortii qofaa osoo hin taane dhalootaa naamusa gaariin bocuu fi seenaa kunuunsuu keessatti gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru.

Ispoortiiwwan aadaa hariiroo, duudhaa fi eenyummaa hawaasaa ibsuufis dandeettii guddaa akka qaban eeraniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa gahee Ispoortiin Aadaa guddina hawaasummaa, siyaasaa fi diinagdee keessatti qabu kana hubachuun xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Keessattuu hojii Haaromsa Aadaa Oromoo irratti hojjechaa jiruun, aadaa fi duudhaa Oromoo dhiibbaa adda addaan  dagatamaa, dabaa fi humna dhabuun jijjiirama hinmalleef saaxilaman, akkasumas sonni isaanii mulqamee ture iddoo fi humna isaanii ganamaatti deebisuuf kaayyeffatee hojjecha jiraachuu yaadachiisaniiru.

Haaluma kanaan Ispoortiin aadaa ummatichaa dorgommii qofa osoo hin taane mallattoo fi calaqqee eenyummaa ummatichaas waan ta'eef Ispoortiiwwan aadaa Oromoo qorachuu fi misoomsuun dhalootarraa dhalootatti akka darban hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa naannichatti dorgommiin ispoortii aadaa waggaatti yeroo tokko qofa qophaa'aa jiraachuu himanii; Ispoortiiwwan aadaa kun waggatti yeroo tokko qofa gaggeessuun guddisuu waan hin danda’amneef waggaa guutuu itti fufinsaan akka gaggeeffamuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Dargommii Ispoortii Aadaa Oromiyaa magaalaa Tullu Boollootti geggeeffame kana irratti ispoortestoonni Oromiyaa bakka bu'uun dorgommii ispoortii aadaa biyyaalessaa bara kana naannoo Harariitti geggeeffamurratti hirmaatan calalamuus ibsaniiru.

Bulchaan Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Mokonnoon Baayyisaa gamasaaniin, ispoortiin aadaa duudhaa fi seenaa saba tokkoo tiksee guddisuu keessatti gahee guddaa qabaachuu ibsuun, kana caalmatti jabeessuufis haaromsa aadaa fi damee ispoortii irratti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Kaayyoon guddaan sagantaa dorgommii Ispoortii aadaa kanaas aadaa fi duudhaa ummata Oromoo beeksisuu, walitti dhufeenya cimsuu, miira dorgomtummaa guddisuu fi sochii hawaas-diinagdee naannichaa jajjabeessuu akka ta’e ibsaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015