Tamsaasa Kallatti:

Qaama miidhamtootni umuriinsaanii filachuu fi filatamuuf ga’e filannoo walii galaarratti hirmaannaa ni taasisu

 

Guraandhala 18/2018(ENA)- Qaama miidhamtootni umuriinsaanii filachuu fi filatamuuf ga’e filannoo walii galaa 7ffaarratti hirmaannaa akka taasisaniif hojjetamaa jiraachuu jiraachuu Federeeshiniin Waldaa Qaama Miidhamtootaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa ibse.

Pirezidaantiin Federeshinichaa Dannaqaa Daacoo ENA’f akka ibsanitti, Federeeshinichi filannoo walii galaaf qaama miidhamtoonni umuriinsaanii filachuu fi filatamuuf ga’e hirmaannaa ho’aa akka taasisan hojjetamaa jira.


 

Qaama miidhamtoonni kaardii filannoo fudhatanii sagaleesaanii akka kennanii fi taajjabaa ta’uun akka hirmaatan, akkasumas filatamuuf kaadhimamtoota akka ta’an hubannaa uumuurraa eegalee Boordii filannoo fi qaamolee qooda fudhattootaa biroo waliin hojjetamaa jira jedhaniiru.

Boordiin filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannicha ilaachisuun qaama miidhamtootaaf hubannoo uumuuf qophiin taasifamuu eeraniiru.

Godinichatti hirmaannaa siyaasaa qaama miidhamtootaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Pirezidaantiin Federeeshinii waldaa qaama Miidhamtootaa Godina Oomoo Kibbaa Hibisti Mankir ibsaniiru.


 

Kanaafis Boordii Filannoo waliin dhiheenyatti hojjechaa jiraachuu ibsuun bu’uura labsiiwwanii fi danbiiwwan filannoon hojiin taajjabdoota filachuu hojjetamuu ibsaniiru.

Filannichi hirmaachisaa Nagaa qabeessa, Dimokiraatawaa, fi Haqa qabeessa ta’ee akka gaggeeffamu qoodasaanii akka bahan eeraniiru.


 

Piredidaantiin Federeeshinii Waldaa Qaama Miidahamtootaa Godina Geede’oo Barsiisaa Tasammaa Woreeraa gamasaaniin, filannoon waliigalaa bara kanaa taajjabdoota 7 adda baasuun beeksisuusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015