Tamsaasa Kallatti:

Raayyaan Poolisii Itiyoophiyaa seenaa qabsoo bilisummaa Afriikaa fi nageenya addunyaaf waardiyyaa dhaabbachuudhaan qooda adda duree qaba

Guraandhala 17/2018(ENA)- Raayyaan Poolisii Itiyoophiyaa seenaa qabsoo bilisummaa Afriikaa fi nageenya addunyaaf waardiyyaa dhaabbachuudhaan qooda adda duree akka qabu ajajaan Poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’elibsan.

Golambaan yaadannoo Pirezidaantii Afriikaa Kibbaa duraanii fi qabsaa’aa farra Appaartaayidii Nelsan Mandellaan moggaafame bakka itti leenji’an mooraa dafee qaqqabaa poolisii federaalaa Kolfeetti የeebbifameera.

Ajajaan poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Afriikaa Kibbaa Nonseebaa Loosii fi keessummoonni affeeraman sirna eebbaa kanarratti argamaniiru.

Ajajaan poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana akka jedhanitti, poolisiin ammayyaa Itiyoophiyaatti erga hundeeffamee wagga 117 kan guutee fi Afriikaarraa kan jalqabaati.

Poolisiin Itiyoophiyaa qabsoo bilisummaa Afriikaaf gumaacha guddaa akka qabu ibsanii, bilisummaa ummattoota gurraachaaf abbaa kan ta’an pirezidaantii Afriikaa Kibbaa duraanii Nelsan Mandellaa leenjiseera jedhaniiru.

Nelsan Mandellaan qabsoo farra Appaartaayiditti makamuuf A.l.A bara 1962 Baatii sagaliif Itiyoophiyaa keessatti leenji’uusaanii ibsaniiru.

Nelsan Mandellaan Itiyoophiyaa keessatti leenji’uuf kan filataniif Itiyoophiyaan koloneeffattootaan kan hin bitamnee fi mallattoo ummattoota gurraachaa waan taateefi jedhaniiru.

Nelsan Mandellaan miseensotaa fi qondaaltota poolisii Itiyoophiyaanotaan leenji’uusaanii eeranii, Birgaadar Jeneraal Taaddasaa Birruu, Koloneel Fiqaaduu Waakkennee, ajajaan kudhanii Faqaaduu Wandimmuun kanneen Nelsan Mandellaa leenjisan keessaa ta’uu ibsaniiru.

Poolisiin Itiyoophiyaa beekumsaa fi muuxannoosaa qooduudhaan qabsoo bilisummaa Afriikaa Kibbaaf qooda gaarii bahateera jedhaniiru.

Godambaan yaadannoo Nelsan Mandellaa michooma Itiyoophiyaa fi Afriikaa Kibbaa jidduu jiru kan cimsu ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan seenaa bilisummaa Afriikaa Kibbaa bocuu keessatti hirmaannaa akka qabdu kaasanii, kunis dhaabbanni poolisii Itiyoophiyaa naamusa ogummaa olaanaa fi itti gaafatama biyyaalessaa akkaataa itti bahate akka agarsiisu ibsaniiru.

Godambaan yaadannoo Nelsan Mandellaa michooma Itiyoophiyaa fi Afriikaa Kibbaa jidduu jiru kan cimsu ta’uu dubbataniiru.

Gumaachi Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii Afriikaaf gumaachitu nagaan addunyaa akka mirkanaa’u kutannooshee akka agarsiisueeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015