Saaxilamummaa balaa uumamaa fi nam-tolchee horsiisee bulaa mudatu hir’isuuf inshuraansii beelladaa irratti xiyyeeffatameera - ENA Afaan Oromoo
Saaxilamummaa balaa uumamaa fi nam-tolchee horsiisee bulaa mudatu hir’isuuf inshuraansii beelladaa irratti xiyyeeffatameera
Guraandhala 17/2018(ENA)- Saaxilamummaa balaa uumamaa fi nam-tolchee horsiisee bulaa mudatu hir’isuuf inshuraansii beelladaa irratti xiyyeeffatamuu de’eetaan ministira qonnaa doktar Fiqruu Raggaasaa ibsan.
Tajaajilli Inshuraansii odeeffannoo Saatalaayitiirratti hundaa’e kan horsiisee bultoota kuma 46 ol fayyadu har’a Adaamaatti eegalameera.
De’eetaan ministira qonnaa doktar Fiqruu Raggaasaa wayita kana akka jedhanitti, miidhaa uumamaa fi nam-tolchee beellada horsiisee bulaarra gahuu danda’u hir’isuuf inshuraansiin murteessaadha.
Balaa kana dursuun qolachuuf amma ammaatti horsiisee bultoonni kuma 200 caalan inshuraansii fayyaa akka fayyadaman taasifamuu dubbataniiru.
Kanneen keessaa dhibbantaan 45 kan ta’an dubartoota jedhaniiru.
Qabeenyi beelladaa guddina dinagdeef qooda guddaa akka qabaatu eeranii, horiisee bulaan beelladasaarraa caalaa akka fayyadamu inshuraansiin wal gahuu qaba jedhaniiru.
Rakkoolee sababa balaa uumamaa fi nam-tolcheen naannawa horsiisee bulaatti mudatan fulla’insaan damdamachuuf inshuraansii beelladaan cinaatti nyaata looniirratti hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Eegumsa fayyaa beelladaa guddisuuf kellaawwanii fi kiliniikoota beelladaa bakkaa bakkatti geeffaman akkasumas talaaliirratti hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Ministeera qonnaatti qindeessaan biyyaalessaa hir’isa yaaddoo balaa beelladaa fi pirojektii hammataa fooyyessa dinagdee Jmaal Aliyyii gamasaaniin, pirojektii Kanaan inshuraansiif birri miiliyoona 560 kaffaluusaa fi kanaanis horsiisee bultoonni kuma 46 caalan fayyadamaa akka ta’an ibsaniiru.
Horsiisee bulaan inshuraansii fayyadamuurra darbee qusannaa aadaa akka godhatu hubannoon uumamaafii jira jedhaniiru.