Tiraanisfoormeeshinii haqaa hojiirra oolchuun tajaajila si’ataa fi qulqulqullina qabu dhaqqabamaa taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Tiraanisfoormeeshinii haqaa hojiirra oolchuun tajaajila si’ataa fi qulqulqullina qabu dhaqqabamaa taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jira
Guraandhala 17/2018(ENA): Tiraanisfoormeeshinii haqaa hojiirra oolchuun tajaajila si’ataa fi qulqulqullina qabu hawaasaaf dhaqqabamaa taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuun ibsame.
Sadarkaa biyyoolessaatti riifoormii dhaabbilee haqaa gaggeessuun tajaajila si’ataa fi qulqullina qabu dhaqqabamaa gochuuf hojjetamaa jira.
Yeroo ammaa hojiirra oolmaa karoora Tiraanisfoormeeshinii haqaa sadarkaa biyyoolessaatti hojmaata damichaa ammayyeessuun jijjiirama fidaa jiraachuun ni ibsameera.
Hogganaan Biiroo Haqaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Muluuqan Taaddasaa ENA’f akka ibsanitti , Mootummaan gaaffii haqaa uummanni gafatu deebisuu fi rakkoo bulchiinsa gaarii salphisuuf dhaabbilee haqaatti hojiin riifoormii hojjetameera jedhani.
Kana hordofuun naannichatti hoj-maata badaa malaammaltummaaf saaxilaman, hanqina gahumsaa, rakkoo naamusaa, kenna tajaajilaa fi rakkoowwan qindoominaa hiikuun danda’amuu dubbataniiru.
Kanaanis ariitii fi qulqullina tajaajila haqaa mirkaneeessuun, tajaajila haqaa kennamutti hawaasni itti quufinsa akka argatu hojiin hojjetamuu ibsaniiru.
Tajaajila wiirtuu tokkoo(Masoob) hojii eegalchiisuuun Abukaatotaa fi Hawaasa Siivikii waliin kan wal qabatan tajaajiloonni 21 kennamaa jiraachuu dubbataniiru.
Keessumaa labsiiwwan haaraa bahan ,danbiiwwan,qajeelfamootaa, dhadachaa fi hojiiwwan riifoormii biroo marsariitii haaraa banuun kaa’uun hawaasni hubannaa akka argatu ta’eera jedhaniiru.
Naannichatti Manni Murtii Aadaa Sab-lammoota 32 gidduu galeeffate hundeessuuf hayyoota yuunivarsiitii waliin qindaa’uun qo’annoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Itti Aanaan Biiroo Haqaa Naannoo Gidduugala Itiyoophiyaa obbo Iyyaasuu Shaanqoo gamasaaniin naannichatti hojiiwwan riifoormii sirna haqaa si’ataa fi bu’aa qabeessa mirkaneessuuf dandeessisan hojjetamuu ibsaniiru.
Mana Murtii Aadaa hundeessuuf labsiiwwan dandeessisan qophaa’anii gara Godinaaleetti gad-buusuun hojiitti galchuuf adeemsarra jirra jedhaniiru.
Naannichatti hojmaata dijiitaalaa sadarkaa sadarkaan eegalchiisuun tajaajila si’ataa fi ariifataa tajaajilamtootaaf kennuuf tattaaffiin taassifamaa jiraachuu ibsaniiru.