Nageenya naannichaa haala itti fufinsa qabuun furuuf humnoonni nageenyaa hawaasa waliin qindoominaan hojjechaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Nageenya naannichaa haala itti fufinsa qabuun furuuf humnoonni nageenyaa hawaasa waliin qindoominaan hojjechaa jiru
Guraandhala 17/2018 (ENA): Nageenya naannoo Hararii haala itti fufinsa qabuun furuuf humnoonni nageenyaa hawaasa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himame.
Manni Maree Nageenyaa naannichaa dhimmoota nageenya naannichaa yeroo ammaa irratti mari'ateera.
Hojii naannichatti yakka ittisuuf hojjetamaa tureen namoota dhuunfaa gocha yakkaa adda addaa keessatti hirmaatan to'annoo jala oolchuun mana murtiitti murtiin akka itti murtaa'u taasisuu ibsameera.
Manni marichaa sochii tiraafikaa waliin walqabatee tarkaanfiiwwan fudhatamaniin gama seera kabachiisuutiin jijjiiramni jajjabeessaan galmaa’uu isaa madaaleera.
Daldala namaa seeraan alaa ittisuu, qoricha balaafamaa to’achuu, daddabarsaa fi daldala seeraan alaa ittisuu(kontiroobaandii), daldala meeshaa waraanaa seeraan alaa to’achuu irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamuu isaaniis ibsameera.
Kana malees daldaltoota seeraan alaa naannichatti jeequmsa diinagdee uumaa jiranii fi kanneen rakkoo bulchiinsa gaarii naannichaa ta’anii fi hawaasa mufachiisan irratti tarkaanfiin seeraa cimee itti fufaa jiraachuu himameera.
Ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu, nageenya amansiisaa mirkaneessuu fi nageenya hawaasaa mirkaneessuun hojii dursaa waan ta’eef, Manni Maree Nageenyaa, nageenyi naannichaa itti fufiinsa akka qabaatu cimsee hojjechaa jiraachuu eerameera.
Filannoon waliigalaa 7ffaa nagaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf seerri fi sirni filannoo akka kabajamuuf kutannoon akka hojjetanis ibsameera.
Nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuun hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamaa jiru cimsuun akka itti fufus beeksifameera.
Ummanni naannichaa akkuma kaleessaa humnoota nageenyaa waliin qindoomuun naannoo ofii dammaqinaan eeggachuun har’as nageenyaaf waardiyyaa akka dhaabbatu Manni Marichaa waamicha dhiyeesseera.