Injifannoon Adwaa waggaa 130ffaan mata duree “Seenaa boonsaarraa gara Ifa boruutti” jedhuun kabajuuf qophiin xumurameera - ENA Afaan Oromoo
Injifannoon Adwaa waggaa 130ffaan mata duree “Seenaa boonsaarraa gara Ifa boruutti” jedhuun kabajuuf qophiin xumurameera
Guraandhala 17/2018(ENA):- Ayyaanni Injifannoo Adwaa kabajamuun, bu’uurri cichoomaa fi jabinaa Itiyoophiyaa irra deebi’uun kan itti haaromfamu, tokkummaa fi Birmadummaa biyya keenyaaf waadaa galle kan itti cimsinudha jechuun Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad ibsan.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad kabaja Ayyaana Injifannoon Adwaa waggaa130ffaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaf kennaniiru.
Ibsasaaniin, Ayyaanni Injifannoo kun mata duree “Seenaa boonsaarraa gara Ifa boruutti” jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti kabajuuf qophiin barbaachisaan xumurameera jedhaniiru.
Injifannoon Adwaa mallatoo eenyummaa Itiyoophiyaanotaa kan hin mo’amne faana birmadummaa ummata gurraachaa fi injifannoo Addunyaa hundatti walqixxumaan ilmaan namootaa itti mirkanaa’e jedhaniiru.
Ayyaana Injifannoo Adwaa 130ffaa yeroo kabajnu, ciminaa fi Cichooma Itiyoophiyaa irra deebinee yerootti yaadannu, tokkummaa fi birmadummaa biyya keenyaaf waadaa galle kan itti cimsinu mudannoo seenaa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaanonni bara 1888 gaara Adwaarratti Qomoon, bifaan, Amantaan, osoo hin qoodamiin birmadummaa biyya tokkoof gamtaan kan dhaabbatanii fi qabsoo kan gaggeessan injifannoo waloo ta’uu dubbataniiru.
Mata dureen bara kanaa biyya kaleessa dhiigaa fi lafee goototaan eegamte har’a gara misoomaa fi nageenya fulla’aatti, gara birmadummaa hunda galeessaa fi olka’insaatti ceesisuuf ejjennoo cimaa qabnu akka ibsu dubbataniiru.
Gootichi raayyaa ittisa biyyaa dhaala gootummaa injifannoo Adwaa gonfachuun nagaa fi tasgabbii biyyaa mirkaneessuu fi imala gara ifa egereetti taasisnu eeguuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Ayyaanicha sababeeffachuun taateewwan biyyaalessaa fi Ardii adda addaa qophaa’uusaanii eeruun, taateewwan kanneen akka Sagaleewwan Adwaa, Waltajjiiwwan Dargaggootaa, dorgommiiwan Ispoortii, Argarsiisa loltuu fi seenaawwanii, hojiiwwan Aartii adda addaa fi Dokimantarii waa’ee injifannoo Adwaa ibsan akka dhihaatan dubbataniiru.
Ayyaanichi lammiileen Itiyoophiyaa hundi ifa boruu waliin kan itti abjatan( hawwatan) akka ta’u dubbataniiru.