Tamsaasa Kallatti:

Paartiin Badhaadhinaa waggoota muraasa keessatti damee hundaan guddinaa fi milkaa'ina olaanaa galmeessedha - Dr. Kantiibaa Tashoomaa Addunyaa

Guraandhala 17/2018 (ENA): Kantiibaan Magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa Paartiin Badhaadhinaa paartii waggoota muraasa keessatti damee hundaan milkaa’ina guddaa kan galmeessise,guddina Itiyoophiyaa itti fufsiisu dha jedhan.

Paartiin Badhaadhinaa manifestoo filannoo waliigalaa 7ffaa fi mallattoo filannoo bissiii qamadii isaa guutuu biyyattiitti Guraandhala 3, 2018 akka ifoomse ni yaadatama.

Waajjirri damee Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar keessattis sagantaa manifestoo fi mallattoo filannoo beeksisuu sadarkaa magaalatti gaggeesseera.


 

Kantiibaan Magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa wayita sana akka ibsanitti, Badhaadhinni paartii waggoota muraasa darban damee hundaan milkaa’ina olaanaa kan galmeesse yoo ta’u, guddina Itiyoophiyaa kan itti fufsiisu dha jedhan.

Akkasumas, paartichi haaromsa diinagdee biyya keessaa gama hawaasummaa fi diinagdeetiin hojiirra oolchuun bu’aa cimaa galmeessuun Itiyoophiyaa mallattoo badhaadhina Afrikaa taasisuu isaa ibsaniiru.

Tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf xiyyeeffannoon kennames marii qindaa’e lammiilee gidduutti ijaaruun gamtaa cimsuuf gahee olaanaa taphateera jedhan.


 

Hoggansi paartichaa magaalaa Shaggar keessatti magaalaa dorgomaa fi ammayyaa ijaaruu keessatti bu’aa olaanaa galmeessisuun jiraattota gama misoomaa hundaan fayyadamummaa hunda galeessa taasisuu danda’eera jedhani.

Gara fuula duraattis Pirojektoota namoota irratti xiyyeeffatanii fi fayyadamummaa hunda galeessa jiraattota magaalichaa mirkaneessan ijaaruuf ciminaan hojjechuu akka itti fufus mirkaneessaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Alamaayyoo Tulluu gama isaanin, yaadama ida’amuu irraa kan dhalate Paartiin Badhaadhinaa Itiyoophiyaa keessatti mallattoo badhaadhina Afrikaa ijaaruun milkaa’ina argateera jedhani.

Paartichi magaalaa Shaggarii fi kutaalee Itiyoophiyaa hunda keessatti pirojektoota misoomaa ummataaf waadaa galame haala bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuu isaa eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015