Tamsaasa Kallatti:

IGAD fi Ruusiyaan tumsaan hojjechuuf walii galtee mallatteessan

Guraandhala 17/2018 (ENA)- IGAD fi Ruusiyaan hariiroo dameelee garagaraa irratti qaban cimsuuf walii galtee mallatteessaniiru.

Barreessaan olaanaa IGAD doktar Warqinaa Gabayyoo ministeera dhimma alaa Ruusiyaatti daarektara tumsa Afriikaa Tatyaanaa Dovgalenkoo waliin Teessoo dhaabbatichaa Jibutiitti mari’ataniiru.

IGAD fi Ruusiyaan wayita marii gaggeessanitti, dameelee Imaammataa fi nageenya, teeknooloojii fi innoveeshiniin, saayinsii fi barnootaatiin tumsa cimsuuf walii galtee fi sagantaa hojii walii mallatteessaniiru.

Mariin kun qaamonni lamaan dhimmoota fedhii waloo ta’anirratti walitti dhufuun hojjechuuf kutannoo qaban akka agarsiisu odeeffannoon ENA’n sekireetaariyaatii IGAD irraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015