Tamsaasa Kallatti:

Kabajaa fi Birmadummaa Itiyoophiyaaf wareegama kamiyyuu kaffaluuf qophiidha- Miseensota Raayyaa Ittisaa

Guraandhala 17/2018 (ENA): Kabajaa fi Birmadummaa Itiyoophiyaaf wareegama kamiyyuu kaffaluuf qophii ta’uu Miseensonni Iizii Ajaja Raayyaa Ittisa Biyyaa Bahaa ibsani.

Iiziin Ajaja Raayyaa Ittisa Biyyaa Bahaa daangaa Itiyoophiyaa fi Somaalee irratti dirqamaa fi ergama biyyoolessaa fudhatee halkanii guyyaa daangaa biyyattii eegaa jira.

Miseensonni Raayyaa Ittisaa ENA’n dubbise kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa tiksuuf qophii sadarkaa olaanaarra akka jiran, miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa ta'uu isaaniittis kabajaa fi gammachuun itti dhagahamaa jiraachuu dubbataniiru.

Miseensoota keessaa ajajaan dhibbaa Geetaasaw Yeneenehi fi ajajaa kudhanii Faanoosee Fayisaa, Raayyaan Ittisa Biyyaa kan gurmaa’ee fi gama hundaan qophii guutuu ta’uu ibsaniiru.

Raayyaan Itiisaa teekinooloojii fi xiinsammuun kan guutame waan ta’eef kabajaa fi birmadummaa daangaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf gootummaan qophii ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan biyya birmadummaan ishee hin sarbamne ilmaan ishee jajjaboon eegsisaa wareegama qaalii kaffalaa imaanaan nutti kennamte waan ta’eef nutis kabajaan tiksuun biyya keenya dhalootaaf dabarsina jedhani.

Kanaaf kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf gootummaan dhaabbachuu fi wareegama kamuu kaffaluuf qophii ta’uu isaanii mirkaneessaniiru.

Itti aanaa ajajaa kudhanii Yimadii Baanjaawu fi Ajajaa kudhanii Malkaamuu Shallamaa gama isaaniitiin, hoggantoonnii fi miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa gahumsa loltummaa ol’aanaa, gootummaa fi kutannoon biyya keenyaa fi ummata keenya tajaajiluuf yeroo kamiiyyuu caalaa qophiidha jedhani.

Keessattuu akeeka badaa gareewwan alaa fi bakka bu’oota faallaa nageenyaa fi misooma biyya keenyaaf faallaa ta’an fashaleessuun pirojektoonni biyyoolessaa gurguddaa gama hundaan hojjetamaa jiran milkeessuuf itti gaafatamummaa keenya ni ba’anna jedhaniiru.

Hoggantoota olaanoo kana keessaa Letenaal Koloneel Silashii Birruu waraanni cimaan akeeka nageenyaa fi misooma gufachiisuuf yaalu ergama diinaa fudhatee socho’u fashaleessu ijaarameera jedhani.

Sirna cufiinsa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa guyyoota muraasa dura gaggeeffame waggaa 65ffaa irratti haasawa taasisaniin, Itaamaajor shuumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa waliigalaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan, Loltuu gootaa, dandeettii, gahumsa cimaa fi daangaa biyyattii eeguuf dirqama kamiifuu qophaa’e ijaarree jirra jechuun isaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015